Xurree ittiin seenan

Breaking News

Biraazil dhahuma dhoftee Meksikoo 2-0 qaarifte, Beljiyeem daqiiqaa 10 keessatti goolii 3 itti guurtee Jappaan ufi irraa galchite


Biraazil akkana tolchitee Meksikoo 2-0 afaan qabsiifte
Biraazil akkana tolchitee Meksikoo 2-0 afaan qabsiifte

Korommiin addunyaa dorgommii kubbaa miilaatiif Raashiyaa keesastti wal qoraasuutti jirti--kun Beliyeemii fi Jaappaan
please wait

No media source currently available

0:00 0:05:21 0:00

Marroo 54 taphatanii goolii 143 gale. Ta kalee fi hardhaa isiinuu baasuma a hindiriffoo ykn adabbii kaahan waliin goolii 32 walti guuran.

Tapha hardhaatti Biraazil dhahuma dhooftee Meksikoo 2-0 afaan qabsiifte. Meksikoon ganna 32 keessatti takkuma akkana hin taane.

Beljiyeemilleen eeguma dhuftee ka taphilleen dhumachuuf daqiiqaan liliphisu kubbaa akka dhagaachaa goolii Jaappaaniitiin aatee mudditee daqiiqaa 11 keessatti goolii 3 galchitee Jaappan dhaantee tapha keessaa oofatte.

APTOPIX Russia Soccer WCup Belgium Japan
APTOPIX Russia Soccer WCup Belgium Japan

Tapha baranaa irratti biyyitii duuba dhufanii daqiiqaa 90 keessatti goolii 3 itti galchanii moo’an Jaappanuma.Jappaanilleen akka malee dhowwatte.

Waancaa kubbaa miilaa bara 1996 irratti Poortugaal Kooriyaa Kibbaa 0-3 irraa kaatee dhaqqabattee 5-3 moote.Beeljiyeem hardha malee takkuma biyya 8n waancaaf walti hafan hin taane.

Tapha baranaa kana irratti haga ammaatti Beeljiyeem qofatti goolii 9 galfatee tokkeessoo jira.Beeljiyeem tapha shan Jaappan waliin taphatte keessaa kanuma qofa moote.

Walumattuu deebisanii yoo laalan tapha baranaa kana waan hedduun himan. Korommiin kubbaa miilaa addunyaatti mataa baafatte hedduutti keessaa gale.Warrii tuffatan ka akka Raashiyaa faatii hedduutti mumullate. Fkn Ayislaandi fa.

Tapha baranaa woma hedduun himan.Kubbaan Kuukkittiin, barrttiin elelleen, barruu qaxxaamura, ta dhiirtii reebuu itti qaxxaamurtu,yoo achii dibi tolchan karfaffaahaa dabarti.

Hardhaa,kalee fi guyyaa dheengaddaallee dhiira hedduutti tanuma irratti walti raphe jechaa oole.

Yoo miilaan dibbisanii, mataan jikkisanii, qomaan ammoo dhowwatan feetu murxuxxaahaa, roggollaa’aa,feetu ammoo barrisaa gara itti erganitti dabarti.Yoo tolte ammoo calawwi gooliitti jettee keessa birbirfatti.

Kaan duratti bindiirfataa, kaan itti jilbiiffata,ka fedhu jalatti quphana akkuma dandhaniin ufi irraa dhowwan.Hagii tokko tana dadhabee imimmaan cophsaa keessaa gala.Ka isiin taateef ammoo gammachuun xinniqaa garuma itti galetti gala.

Jaapan,Meksikoo,Poortugaal,Ispeeyin, Arjentiinaa faatii jara dhahuma dhahanii cinaacha lafaan gahan. Jara kana hardha, kalee fi guyyaa dheengaddaa goolii hedduu itti fa’anii duula korommii kubbaa miilaa keessaa oofan.

Hardha Biraazililleen Meksikoo 2-0 irraa galchite.Meksikoon ganna 32 keessatti takkuma akkana hin taane.Goolii qaraa Neeymaritti 51’ Biraaziliif keessa buuseef,ta lammeessoo ammoo Roobertootti 88’ irratti itti cuqqaaleef.

Jari kun qaraa dhiira wal beettuu marroo 40 caalaa waliin taphate, haga guddaan Biraazlilumatti moo’a.Biraazil qaraayyuu marroo 5 waancaa kubbaa miilaa dabsatte( 2002, 1994, 1970, 1962, 1958).

Ronaaldoo fi Meesiilleen korommii kubbaa miilaa tapha baranaa keessaa oofan gugurdoo addunyaa keessaa ka duraati.

Uraagaayiin Poortugaal 2-1 moote tun armaan duratti marroo sadii waancaa kubbaa miilaa irratti biyya tana waliin taphatte.Baruma kana qofa Uraagaay Poortugaal moote.

Ronaaldoon ‘asii achi maan taata?’ jedhanii jennaan womaa dubbachuu hin fedhu jedhee eegee luuxxee,gurra buusee harkaa qabatanii istaadiyoomii keessaa fuudhanii bahaniin.

Ronaaldoon amma gurra buusee tapha keessaa bahe kun tapha barana irratti tapha tokko irratti goolii sadii galfate.Arjentiinaallee woma Poortugaal tolchan isiillee tolchan.

Isii fi Arjentiinaan ammoo 1-1 waqixxee bahanii eegee ammoo kubbaa hidiriffoo ykn adabbii kaahaniif Faransaay 4-3 dabsatte.

Meesiin kun Waancaa kubbaa miilaa ganna 4n duubatti Qataaritti taphatan waan itti deebi’u hin fakkaatu.

Yoo Faransaay diidumatti baaftee Arjentiinaa wayaa irraa fuutee dhaantu taphataa isii ka durii Diyaagoo Armaandoo Maradoonaa fuluma taahutti lafa riga.

Warrii Raashiyaa fi Kirooshiyaa goolii eegu kalee akkuma jabaa goolii ufi irraa dhowwate.Denmaarki ammoo Kiriishiyaatti 3-2 fa’achiisee biyyatti galche.Jarilleen wal dadhabee jennaan hindiriffoon gargar baasan.

Raashiyaa fi Ispeeyin

Raashiyaan sadarkaa kubbaa miilaa FIFAn barana baaseen addunyaa 70essoo jirti. Ispeen ammoo 10essoo.Raashiyaan keessummaa kuma dhibba hedduutti itti dhuftuu fi dandeettii kubbaa miilaa laaftuu waan qabduuf eessaayyuu hin geettu jedhanii wa jechaan bahan.

Taatullee eegii jalqaba tapha baranaa irratti Sawudii Arebiyaa 5-0 itti awwaarsite mataan dubbi toleef.Kalee Ispeeniin wal mixichaa oolanii saatii lama wal irra turan.

Taphaan Ispeentti caale.Gurbaan Raahsiyaa goolii eegu Ikon Akinfeev gooli keesatti bindiirfamchuma bindiirfate kubbaa hedudu ufi irraa dhowwe.

Tapha irratti 1-1 gargar bahani jennaan jarallee kubbaa hindiriffoo ykn adabbi kaahaniifii gargar baasan. Akkuma kanaan Raashiyaan hindiriffoon ykn adabbiin 4-3 moote.

Raashiyaan biyyumaa fi biyyee isii keessatti shaampiyoonaa waancaa kubbaa miilaa addunyaa bara 2010 Ispeeyin dhahuma dhooftee qaarifte.Ganna 48 keessatti asi geette Raashiyaan.Raashiyaan amma Kiroshiyan walti marte.

Namichii Ispeeyinii taphatu Andirees Inestaa lammata Ispeeyin fulaa bu’ee hin taphadhu jedhee kakate.Inestiyaan nama ganna 34ti marroo ganna 12 keessatti 131 garee Ispeeyiniif tapahtee.

Tapha kalee irralleetti daqiiqaa 85eso iraalleetti diqquma Raashiyaatti hin galachin.“Barii keenna jabaa fi midhaagaan kaan ya dhumate yoo tokko tokko wannii cuftii akka fetetti sii hin hobbaatu jedhee Inestiyaan.”

Goolii itakkitti innii bara 2010 waancaa kubbaa miilaa addumyaa Afrikaa kibbaatti taphataniitti Ispeeyin shaampiyoonaa tolche.

Inestiyaan ji’a dabrellee Barseloonaatti nagaa dhaamatee fuula Chaaynaatti qajeelfatee itti dhaabate.

Denmaarki fi Kirooshiyaa

Kirooshiyaan gaafa Arjentiinaan waliin taphatte sadeenuu isiitti Arjentiinaan cinaacha lafaan gahe.Tapha qaraa irratti 3-0 dhukessite ka lammeesoo ammoo 2-1 dhuqi tolchite.Guyyaa dheengaddaa ammoo adabbiin 3-2 itti galchitee duula kubbaa miilaa addunyaa keessaa galchite.

Humnuma suniin Denmaarkiin waliin taphattee waluma irra oolanii walqixxee 1-1 gargar galan.

Eegee ammoo kubbaa hindiriffoo ykn adabbii kaahaniifii Kirooshiyaan 3-2 moote.Gurbaan Kirooshiyaa goolii eegu sadii qabeef.Taphataan Kirooshiyaa Zlatko Dalic kubbaa adabbii dhiitee dhabullee biyyitii isaa tanuma keessa moote. Waancaan kubbaa miilaa kun Adoolessa 15,2018 dhumataa.Bori ammoo Koloombiyaa fi Ingilaandi itti aanee ammoo Siwiidinii fi Siwitzerlaanditti taphata.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG