Xurree ittiin seenan

Breaking News

Beneshaangul Gumuz Keessatti Lafti Hojii Irra Hin Ollee Fudhatamuun Ibsamee Jira


Bulchiinsi Naannoo Beneshaangul Gumuz hojii invastmeentii kan qonnaa fi Ixaana oomishuuf kanneen lafa fudhatan abbotii qabeenyaa 102 irraa ehama isaanii haquu isaa beeksisee jira. Waajira bulchiinsa Bosonaa fi lafaa bulchiinsa naannoo kan ta’an Obbo Isaaq Abdulqaadir akka jedhantti lafti hektaara kuma 62 caalu kanneen kallattiin hojii misomaatti hin seenne harkaa fuudhamee kanneen biroof qodamuuf qophii ta’uu ibsan.

Kanneen hojii qonnaa gaggeessuuf lafa fidhatanii deebisanii qonnaan bulaatti kireessaan akka jiran hojiin omisha Ixaanaa immoo namoota muraasaan iddoo baayyeetti kan gaggeeffamu ta’u ibsan.Invastmeetii bulchiinsa naannoo Beneshaangul keessaa irratti kan bobba’an hedduminaan dhalattoota Tigraay ta’u fi kanneen biroon saga fi sablamonni akka jiran ibsan.

Gama kaaniin aanaa addaa Maa’oo Komoo keessatti wixata kaleessaa dhalattoota Tigraay kan ta’an namoonni 7 hidhattotaan butamuu fi kanneen biroon 7 bosoona keessa dhokotanii akka jiran raadiyoo sagalee Amerikaaf jiraattonni ibsanii jiru. Itti gaafatamaan waajira nageenyaa fi bulchiinsaa naannoo Obbo Musaa Ahamd dubbiin kun dhuguma ta’uu fi kanas kan raawwatan hidhattoota Adda Bilisummaa Oromoo ta’uu ibsan.

Addi Bilisummaa Oromoo garuu humnootiin issa bakka maqaa dhahamee keessa akka hin jirree ibsuun kanneen uummata Oromoo kuma dhibbatti lakka’aman godaansisaa fi dararaa turan dhoksuuf maqa baleessii kana oofu jedha.

please wait

No media source currently available

0:00 0:09:58 0:00

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG