Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mummicha Ministeera Abiyyi Ahmad Waliin Dubbannee Jirra: Bliinkan

FAAYILII -Ministeerri Dantaa Alaa Yunaaaytid Isteetis, Antonii Blinken, Ebla 26,2021
FAAYILII -Ministeerri Dantaa Alaa Yunaaaytid Isteetis, Antonii Blinken, Ebla 26,2021

Anii fi Muummichi minister Itiyoophiyaa Abiy Ahimad Alii waliigaltee diinummaa dhaabuu hojiirra oolchuuf akkasumas Itoophiyaa kaabaa keessatti nagaa waaraa mirkaneessuuf hatattamaan barbaachisaa ta’uu rratti mari’anneerra jechuun ministeerri dantaa alaa Yunaaaytid Isteetis Antonii Blinken Twitarii ofii isaanii irratti barreessanii jiru.

Itti dabaluudhaanis Ameerikaan deemsa Gamtaa Afrikaa hoogganamu deeggaruuf murannoo qabaachuu itti fufteetti jedhan.

Bulchiinsa naannoo Tigraay akkasumas Naannoolee ollaa kan Affaar fi Amaaraa keessatti gargaarsa namoomaa danqaa hin qabnee fi tajaajilli bu’uuraa deebisuuf mootummaan Itiyoophiyaa tattaaffii itti fufee akka jiru Bliinkan hubataniiru jedha ibsi waajiira ministeera haajaa alaa irraa ba’e hubachiseera jechuun keeneedii Abaate Finfinnee irraa gabaasee jira.

This item is part of

Forum

XS
SM
MD
LG