Xurree ittiin seenan

Breaking News

Barnooti Hundee Guddinaa Waan Ta’eef Babal’achuu Qaba


Wellisticha Oromoo beekamaan Ali Birraa haadha warraa isaa Lilii Markos Birraa waliin ta'uu dhaan dhaabbata barnoota ijoolleef maallaqa barbaadu kan “Birra children's Education Fund” jedhu hundeessanii jiran.

Kaayyoon dhaabbata kanaa ijoollee hiyyeeyyii ta’an barnootaatti akka milkaa’an gochuuf gargaaruu dha jedha Ali Birraa.

Ijoollee kanaaf uniformii, qalamaa fi Irsaasa dhiyeessuu akkasumas torbanitti guyyaa sadii ciree dhiyeessuu dhaan ijoolleen garaa duwwaa ta’anii barnoota isaanii irraa akka hin gufanne gochuuf ta’uus nuuf ibseera Aliin.

Hojii kana bakka dhaloota isaa naannoo Dire Dhawaa manneen barnootaa lama keessatti kan eegalame ta’uu isaaf booda irras guutummaa Oromiyaa waliin ga’uu karoorfachuu isaanii weellistichi beekamaan Alii birraa nuuf ibsee jira. Guutummaa isaa mallattoo sagalee armaan gadii tuquun dhaga’aa.

Gaaffii fi deebii dhaggeeffadhaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:11:20 0:00
Xurree marsariitii
XS
SM
MD
LG