Xurree ittiin seenan

Breaking News

Semaayaawii Paartiin Itiyoophiyaan Hoomu Caalaa Rakkina Siyaasaa, Haawaasummaa fi Diinagdee Keessa Jirti Jedha


Loogoo Semaayaawii Paartii
Loogoo Semaayaawii Paartii

Gareen mormituu Semaayaawii Paartii ibsa gaazexeessotaa kenne iratti Itiyoophiyaan hoomu caalaa rakkina siyaasaa, haawaasummaa fi diinagdee keessa jirti jedha. Rakkina wal-xaxaa kana hiikuuf mootummaan biyya bulcha jiru fedhii fi dandeettii hin qabu, garuu ummaaticha ukkamsuu itti fufeera jedha ibsii kun.

Tibba kana Oromiyaa keessatti ummata karaa nagaahaatiin, mirga seerrii biyyattii keneefitti fayyadamanii gaafii dhiheeffatan mootumman dimshaashaan ajjeesera, hidheera jedha ibsii Semaayaawii Paartii kun.

Kanumaan wal-qabsiises, miseensa Semaayaawii paartii fi qopheessaa barruu paartichaa Geetaachoo Shifarraa, fi Yoonataan Raggaasaa dabalatee miseensonni dhaabichaa biroon mana hidhaa Maa’ikeelaawiitti rebaamaa jirachuu ibsa.

Pireezdaantin paartichaa Obbo Yiliqaal Geetinnet "Nu’i garaa ballannee callisuurra kan ka’e mootumman namoota ciccimoodhaaf fakkenyaa gaarii ta’an hidhatti guuree umurii dheereffachuu akka tooftaatti ittii fayyadamuu amala godhateera," jedha.

Kana Maleessi obboo Yiliqaal Geetinnet mootummaa ummata waalteffate dhaabuun, sirna bittaarraa garaa dimookiraasiitti ceehuuf hojjachuun dirqqamaa lammi biyyattii hundaati. Garuu oggaa 24n darbaniif an argaa jirru namoonni muraasni jijjiramaaf qabsa’an irbaata abiddaa ta'uu malee jijjirramni tokkolleen akkan hin dhufne.

Mootummaa wajjiin mari'achuuf karaan cufaa dha jedhanii, "dhaabbannee deemuuf nu hin hayyamamne, dubbachuuf nu hin hayyamaamne, amma dabareen mana hidhaatti darbamuu kan eenyuti an jedhutuu nu yaddeessaa jira malee karaan motummaa kana wajjin mari’achuu natti hin mullatu," jedhaniiru.

Gabaasa guutuu armaan gaditti dhaggeeffadhaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:03:13 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG