Xurree ittiin seenan

Breaking News

Rooba Fantaallee fi lolaa innii fide


Lolaan godina Shawaa Bahaa aanaa Fantaallee waan balleese qabaa? Bulchiinsaa fi jiraataan gandaa irratti wal falman.


Roobni gannaa ka Itoophiyaaatti roobuutti jiru waan hedduu hammeessee waan hedduu qajeelchuutti jira.
Warra horiitiif marraa baasee, haroo guute warra oobruutti ammoo midhaan baasee abdachiisa. Gama Shawaa Bahaatti ammoo roobni roobee kun laga guutee irraan facahee gandaa fi aanalee Fantaallee dhibee jedhan.

Wannii haalaa nu miidhe mana barumsaa Guddinna Tumsaa nuu jaaree ijoolleen achi tettee baratuu fi jiraattu nurraa fudhatee jedha,”dargaggoo Boruu Roobaa. Akka Boruutti wannii lolaa kana hammeesse bisaan Jallisii Fantaallee irraa gama Ilaalaatiin cabsan laga Basaqaa guutanii nama aanaa Fantaallee baqachiisan.

Namii Magaalaa Matahaaraalleen halkanii fi guyyaa lolaa adoo hin beekinu lafa jalaan uree namaan bahu kanaaf jedhee eegaa bulaa, jedha Boruun. Taatullee akka Bulchaa Godina Shawaa Bahaa Obbo Abraham Adulaatti roobi roobuun naannoo isaaniitiif faaydaa guddaa kenne. Kaanaaliin ykn Jallisiin Fantaallee hin cabnellee hin guutamnellee.

Manii bamrusaalleen ammatti cufaa ijoolleelleen barachuutti hin jirtu jedhu.
Akka Obbo Abrahamitti lolaan hagii tokkoo dallaa keessa seenuu alatti wannii ammatti nama sodaachisaa hin jirtu.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG