Xurree ittiin seenan

Breaking News

Loltoonni Boorana Aanaa Mi’ootti Misirroowwan Ajjeesan To’annaa Jela Oolan


'Waraanii Itoophiyaa Boorana,Magaala Hiddii Lolaatti misirroo dabalee nama shan fixe'
'Waraanii Itoophiyaa Boorana,Magaala Hiddii Lolaatti misirroo dabalee nama shan fixe'

Miseensonni Raayyaa ittisa Biyyaa kibxata darbe godina Boorana Aanaa mi’ootti warra cidha irratti dhukaasanii misirroota ajjeesan to’annaa jela oolan. Obbo Soraa Galgaloo hoogganaan waajjira ODP, Sagalee Ameerikaaf akka ibsanitti loltoonni mootummaa kuni kaampii mi’oo jiru keessatti to’annoo jela jiraachuu mirkaneeffanneerra jedhan.

Kibxata darbe Gurraandhala gaafa 12 galgala misirroowwan lameen Kottoola jaldeessaa fi cuquliisa ka jedhaman waliin namoota shan ka ajjeesan miseensota Raayyaa Ittisa biyyaa turan. Gidduu kana bulchiinsi Aanaa Mi’oo dhimma kana hordofaa ka ture yoo tahu, miseensonni raayya ittisa biyyaa warra cidhaa kanarratti dhukaasan kun himannaa dhukaasatu nurratti baname jedhu dhiyeeffatanus koreen bulchinsa aanaa mi’oon hundaa’ee dhimma kana qorataa ture dhukaasi dhukaye akka hin jirre mirkaneessee, miseensonni raayyaa ittisa biyyaa tarkaanfii kana fudhatan to’annoo seeraa jela akka oolan taasisee jira.

please wait

No media source currently available

0:00 0:03:51 0:00

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG