Xurree ittiin seenan

Breaking News

Booranatti Bisaan Dilloo ganna 10n duratti jalqaban malkaa nama hin dabarsine Waxabajji dhuftu ammoo warrii gama Areeo bisaan 'hin argata'


Godina Booranaa aanaa hedduutti namii rakkoo bisaanii qaba(photo file)
Godina Booranaa aanaa hedduutti namii rakkoo bisaanii qaba(photo file)

Booranatti Bisaan Dilloon ganna 10n duratti jalaban malkaa nama hin dabarsine Waxabajji dhuftutti ammoo abdiitti jira
please wait

No media source currently available

0:00 0:06:19 0:00

Bisaan Dilloo ykn Billiqqoo porojeektii bisaanii birrii biliyona hedduutiin ganna 10n duratti hujii jalqaban.

Aanaalee Booranaa 13n namaa fi sa’allee dheebuu baasuu qofaa mitii isumaa midhaanii facaafatan jedhanii jalqaban.

Haga didiqqaa tokko malee bisaaan sun akka warrii lafaa jedhutti malkaa nama hin baamnee namii ammallee bisaan dansaa barbaada horii waliin lafa mara.

Birrii biliyoona hedduu ta hujii tanaan jalqaban jedhanillee namii karaa isiin itti cophxe afaan guutatee namatti hin jiru jiru.

Hujii tana amma irra deebihanii qortanii amma hujiitti jiran jedha itti aanaan itti gaafatamaa interpiraayizi Oromiyaa,obbo Goonfaa Baayisaa.

Akka obbo Gonaafan jedhutti hujiin duraa sun waan akka akkaatiin badde. Bal’inna hujii sunii,rakkina kontiraakteraa fi waan hedduutti keessa dhufe.

Gaafasitti nama kuma 200 fi gaalfaa ,loonii re’ee horii kuma 200 caalaa dheebuu baasuuf jalqaban.”Akka yaadametti tajaajila hin kennine.”

Taatullee obbo Goonfaan ebelutti wa yakkee fi horii haganaatti itti bahee jechuuu hin dandeenne.

Amma amma itti jiranin birrii biliyoona sagal taatuuun hojjachuutti jiran. Amma bisaan lafa jalaa oli dhiibanii laaluutti jiran.

Gaafa hujiin tun Waxabajjii dhuftu dhumatte ammoo ollootii gama Simuu Areeroo jiran ollootii Areero irraa km 98 keessa jiran porojeektii tana irraa bisaan argachuu dandahan jedhan.

Analeen 12 hafan akka obboo Gonfaan jedhetti bara Itoophiyaa 2012 yoo wannii cuftii qixooftee baajetillee argatan bisaan kana argachuu dandahan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG