Xurree ittiin seenan

Breaking News

Booranatti manneen barnootaa ummatii ijaarrate baratoota irratti jiguutti jiran “ijoolleen gaaddisa jalatatti baratan baayyee”


Aanaallee Gammoojii fi aanaa Liiban ganda hedduutti "ijoolleen alumatti baratti"
Aanaallee Gammoojii fi aanaa Liiban ganda hedduutti "ijoolleen alumatti baratti"

Booranatti manneen barnootaa sadarkaa duraa 'gaaddisa jalatti baratan hedduu'
please wait

No media source currently available

0:00 0:06:51 0:00

Manneen gadi jigaa jiran kun sadarkaa gadi aanaa.Jiraattonni fi barsiisonni godinichaa akka jedhanitti manneetiin barnootaa kun seeraan waanti hedduun kan hin guutamne waan ta’aniif barattoonni kaan alatti kaan ammoo taa’umsa malee barataa jiran.

Aanaalee Gammoojii Booranaa fi aanaa Liiban ganda hedduutti "ijoolleen alumatti baratti"
Aanaalee Gammoojii Booranaa fi aanaa Liiban ganda hedduutti "ijoolleen alumatti baratti"

Namootni dhuunfaa manneen barnootaa kana ijaaruuf tumsa gaafataa ka jiran. Rakkoon manneen barnootaa tun godina Booranaa aanaalee Gammoojjii keessa.

Barattoonni hedduun kutaa yoo bokkaan roobu dhimmisu keessatti barataa akka jiran, kaanis taa’umsa malee lafa biyyoorra taa’anii barataa jiraachuu jiraattonni Sagalee Ameerikaaf himanii jiru.

Manneen barnootaa hirmaannaa ummata naannoon ijaarmanii keessaa tokko mana barnoota Diida Qilleensaa,Boorana aanaa Dubuluqi.

Barsiisaa Waariyoo Galgaloo tohataa barnoota aanaa Dubuluqi.Manii barnootaa kun bara 2011 ijaaramee kufee jedha.

“Ummatii woma qabu woma akka halloo mummuree ijaare.Bara 2012 bokkaan roobee jennaan jige.Waaroo gubbaa kaahanii biyyeellee itti darbanii turan.”

Barsiisaa waariyoon barattoonni mana barnootaa kana keessatti baratan 50 caaluu jedhan, ammas kutaan suphame sirriitti waan hin ijaaramneef barattoonni lafa biyyeerra taa’anii akka baratan dubbatan.

Jaatanii Boonayyaa barataan Yuuniversitii Finfinnee fi dhalataan godina Booranaas, yoo rakkoo barattoonni aanolee gammoojjii keessa jiran dubbatu, rakkoon kun bakka takka qofaa mitii jedha.

Mana Barusma Diida Qilleensaa,Dubuluqi, Yaaballo(ummatti jaarrate)
Mana Barusma Diida Qilleensaa,Dubuluqi, Yaaballo(ummatti jaarrate)

"Aanaa Dhaasitti manii barnoota Dhakaa Diimaa,Teessoo Walee, Saakkee, Gumii-Eeldalloo Qabaa-Bunoo,Dhakaa-Diimaa…mana barumsaa hedduutti akka kanaan jira.Namii 1-3 barataaa ka dandahu magaalatti galaa kaan ammoo tika horiitti deebi’a,” jedha.

Godina Booranaatti lakkoofsi barattoota mana barnootaa ummatii ijjaarratee jijjigaa keessatti baratanii beekamuu baatus bulchiinsi godina Booranaa godinicha keessa manneen barnootaa ummataan ijaaraman 10 oltu tokkoon tokkoon aanaa godinichaa keessa jira jedha.

Jiraattonni Booranaa VOA’f dubbatan gama barnootaan rakkoon jiru, manneetiin barnootaa sabaan ijaaraman kukkufaa jiraachuu qofaa miti.

Kanneen mootummaan ijaares quubsuma ummata naannoo waliin ka wal siman mitii jechuun Jaataniin VOA’f himeera.

Kaan ammoo rakkoo nageenyaati. Godina Booranaa keessatti ammas hidhattoonni fi humni naga kabachiiftota mootummaa wal dhabuunis barattoota aanotii tokko tokkoo keessaaarratti dhiibbaa dahqqabsiisuu hima.

“Liiban iddoo duraan jiran irraa buqqa’anii waan jiraniif qaa guddaatti jira.Karaa dheeraa deemanii baratan.Walti bu’iinsa jiruuf jedhanii sodaan baratan.Durii daangaa amma ammoo rakko keessaa rakkootti jira.”

Waan mana barnootaa Aanaa Dubluq suurri barattoota mana jigaa keessatti baratan gubbaa miidiyaa hawaasaa bahee mata duree dubbii ta’aa jiruu akkasumas komii kaan jiraattonni himatan Baagajja Morgee, hoogganaan waajjira barnoota godina Booranaa gaafatamanii jiru.

“Gama nageenyaaatiin amma barattoonni godina booranaa barnoota adda kutan hin jiran,” jedha.

Obbo Baagajji waan quubsumni ummataa fi ijaarriin mana barnootaa wal bira darbeee jedhuuf yoo deebisanis hawaasi godinichaa horsiisee bulaa waan ta’eef kun numadatee jedhan. Jiraattonni hedduun amma Mana barumsaa diida Qilleensaa ka maqaan feesbuukii gubbaatti maxxanfame kana ijaaruuf tumsarra jiru

“Akkuma horsiisee bulaan keenna baayyee manneen barnootaa baayyees mootummaa yeroo tokkotti jaaree fixuu hin dandahu.”

Manneen barnootaa aanaati jaara.Aanaan manneen sun bajata qabatee ijaaruuf itti karoorfatee jira jedha.“Baajata gaafachaa jirra.”

Manneen barnootaa godinicha keessatti jiraattotaan ijaaramanii haaromsa dhabuun jiguutti jiran hedduu waan ta’aniif ilaallee kaanis haaromsuuf yaalla jedha.

Analeen Gammoojjii godina Booranaa fi aanaalee Liibanittis rakkoo manneen barnootaa hedduutti jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG