Xurree ittiin seenan

Breaking News

Booranii pirez., Oromiyaa kora Gumii Gaayoo dhufetti waan hedduu himate keessattuu warrii Liiban rakkoolee hamaamtuu keessa jirra jedha


Kora Gumii Gaayoo 41essoo fi rakkoolee Booranii pirezidaantii Oromiyaatti himate
Kora Gumii Gaayoo 41essoo fi rakkoolee Booranii pirezidaantii Oromiyaatti himate

Booranii pirez.,Oromiyaa kora Gumii Gaayoo dhufetti waan hedduu himate keessattuu warrii Liiban rakkoolee hamaamtuu keessa jirra jedha
please wait

No media source currently available

0:00 0:10:00 0:00

Korii Gumii Gaayoo 41essoon kora Abbaan Gadaa Booranaa,Kuraa Jaarsoo yaame. Daas arda jilaa Miyootti taa’e.

Gumiin Gaayoo Kora Abbaan Gadaa Booranaa yoo baallii fuudhu ganna 4essoo irratti yaamee dhiphuu fi bal’inna hedduu irratti mar’atan,kora muraa guddaa qabullee.

Kora Gumii Gaayoo 41essoo
Kora Gumii Gaayoo 41essoo

Korii baranaa koronaatti dhufuu dhowwe malee waan faaya jedha bulchaan godina Booranaa, Guyyoo Galgaloo.

Pirezidaantiin Oromiyaa Shimellsi Abdiisaatii fi miilota isaa hedduutit kora kanatti dhufe.Warra kora Gumii Gaayoo dhufe keessaa Boorana Liiban. Aanaalee gammoojjii godina Gujii Bahaa jiran.

"Bisaan haraa lafa Waleenso jedhanii hara torba,” nurraa fudhaan jedhan jaarroleen kora dhufan.Laftii sun lafa dheedumsa horiiti,bisaan sun durii dhaabii SORU jedhan qote.

“Malkaa Galaanaa 24 dhabe.” Malkaan galaanaa tun lafa jallisii midhaan hedduu irratti facaafatan.

Lafa tanaa akka warrii lafaa jedhutti manneen barnootaa, manneen amantii fi lafa misoomaa hedduutti keessa jira.

Lafatana akka warrii lafaa jedhutti waraana milishoota Soomalee durii nama hadhaa bahanitti fudhate.

Mootummaan akka lafatii waraanaan qabamte haa deebitu jedhullee akka warrii Liiban jedhetti laftii isaanii tokkollene hin deebineef.

Rakkoolee himatan keessaa ta dhibiin karaa Malkaa Gubaa aanaalee gammoojjii Booranatii fi Gujii waltiin taakkan.

Eegii galaanii fudhatee ya ture.Namii walti taakkuu hin dandahu.Sibiilii hujii sunii dhufaniin lafatti dandahaahuutti jira jedha warrii lafaa.

Akka aanaalee gammoojjii guddinna biyyaatiin dhaqqaban warrii Liiban godina Boorana Bahaa argachuu fedha.Bulchiinsii godina Booranaalleen godinii tokko dabalamuun Oromiyaafuu faayidaa qaba jedha.

Waadaa pirezidaantii Oromiyaa kora Gumii Gaayoo irratti jedhe

Manneen barnoota addaa special boarding school torba Oromiyaatti barana jaaran keessaa tokko Yaaballo kaan Nageellee Booranaatti jaaran.Diidii xuyyuuraalleen akkuma duruu jedhan Yaaballoo fi Nageellee Booranaatti jaarama jedhe.

Manneen barnootaa jaaruuf deeman kana ijoollee barnootaan jajjabootti keessatti barataa Fulbaana keessaayyuu hujii jalqaban jedhan.

Warrii Moooyyalee kora Gumii Gaayoo dhufee rakkoo bisaanii,rakkoo misoonaa,rakkoo lafa aadaa isa dhabsiifte, rakkoo saamicha lafaa fi waan hedduu himate.

Bulchaan godinaa ammoo rakkoon daangaa fala hin argannee haga falii dhufutti namuu obsaan waliin jiraachuu malee dhaamate.

Boorannii bal'inna lafaatiif misoomaan biyyaan wal dhaqqabuuf godina lammeessoo gaafanne jedha

Godina Boorana Bahaa argachuun rakkoo misoomaa fala argatti jedha. Pirezidaanti Shimellis nama gammmachiisuuf jedhanii godina babbananii amma 21 gahuunuu rakkoo fiddee jedhe.

Bajatii aanaa tokkooyyuu waggaatti birrii miliyoona 200 oli akka jecha isaatti. “Isin hin sobuu obsii barbaachisaa,” jedhe.Godina lammataa qabaachuun dhabuun ammoo rakkoon keessan fala hin argattu jechuu miti, jedhe.

Warrii Liiban ammoo bulchiinsa rakkoo isaani mootummaa dhossee dubbachuu nama dhowwuu mitii ka rakkoo isaaniitii dubbatuuf qabaachuu feeana jedha. Waan jari himate egeriillee bulchiinsa isaaniillee irra dedeebinee gaafanna

.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG