Xurree ittiin seenan

Breaking News

Boorannii abraasaa dhaabatee horii qaqqalatee ollaan wal yaamee,ruufa maratee horooroo fi lichoo guurratee jila ganna haaraa,Cooniitti jira


Ganna 3essoo Galmee Gadaa UNESCOtti, Yaaballo 2020
Ganna 3essoo Galmee Gadaa UNESCOtti, Yaaballo 2020

Boorannii jila ganna haaraatti jira, jilaa tanaan jila abraasaa ykn coonii jedhan. Horii kuma hedduu qalatee itti wal yaame
please wait

No media source currently available

0:00 0:09:27 0:00


Boorannii amma jilatti jira,jila Coonii ykn jila Abraasaa jedhan.Cooniin yoo namii cuftii horii qlatee itti wal yaamu.

"Abbaan warraa cuftii horii qalee onaa fi ollaa itti yaama,” jedha Dr Borbor Bulee jaarsii argaa fi dhageettii.

Akka kanaan horii kuma hedduutti qalama jedha Dr Borbor.Namii humna laafaa ammoo buna qalata.Wannii guddoo horii kuma hedduu qalanii onaa,ollaa fi reeraan itti wal yaaman.

“Kuma 20 caalaa qaluu hin oolan,” jedha Dr Borbor.Yoo horii qalanillee dameen Booranaa lamaan; Sabboo fi Goonatti marroo marroon qalee itti wal yaama.

“Ani cooniif hoolaa qale.Nami horii hin qamne ammo buna qalata.”Cooniitti dhiirtii ruufa marattee lichoo fi horooroon yaati, nadheen ammoo saqaa fi siiqqeen yaati.

Abraasaa

Abraasaan daraaraa diimaa lafa keessaa yoo bonaa bahu.Akka henna Booranaatti ji’ii 12essoo abraasaa.

Daraaraa kanallee tanumaaf maqaa kanaan yaaman.Abraasaan badaa fi gammoojjiitti baha.

Badaan Sadaasaa keessa Abraasaa baafti Gammoojjiin ammoo ji’a Abraasaa keessa abraasaa baafti.

Abraasaan akkana henna Booranaatti yoo ji’a Ammajii ji’a tokkeessoo gahuuf jedhan baha

Akka jaarroleen jettutti ji’a Booranaa angafii, Ammajii.

Bara haaraa Booranaa.

Barii haarahii gahuu abraasaa lafaa bahuu fi henna ji’aatii beekan.

Bara haaraatti Booranii waan hedduu jijjiirata

Horii gurra bassa

  • Butumee(muka karra looniitiin cufan) jijjiirata
  • Intaltii fuudhanii jaalla(cibra maqaa intala dhiyoo fuudhan agarsiisu) mataa cibratti
  • Niitiin addeennaa(dhiirsii du’e) abraasaa kana mataa cibratti

Boorannii ji’a 12 fi waqtii afur qaba ji’a ammoo addeessaa fi dukkana jedhee ji’a lamatti baasee herregata.Lamaanuu guyyaa walqixxee qaban.Fkn hardha,Ammajii 7,2019 Addeessii 11 bule jedha dr Borbor.

Ji’ii Booranaa guyyaa 360 haga 363 qabaa jedha Dr Borbor.

Ji’ii hagii tokko guyyaa 29 qaba,kaan 31 qaba. Yoo innii akkas tahu “ji’ii turquqe” jedhan.

Maqaa guyyoota henna ji'a Booranaa

  • Bittaa Qaraa,Bittaa Lama,Gardaaduma
  • Arba,Gidaadaa,Walla,Ruuda,Basa Duraa,
  • Basa Ballaa,Arerii Duraa,Areerii Balloo
  • Carra,Adulaa Duraa,Adulaa Balloo
  • Maganattii Jarra,Maganatti Biriitii
  • Garba Duraa,Garba Ballaa,Garba Dullcha
  • Salbaana Duraa,Salbaana Ballaa

Ji’a 12n Booranaa Ammajiitti angafa. Guyyoota ji’aa ammo angafii ‘Adulaa’

Waqtii Afran ji’a Booranaa

Ji’ii gannaa sadeen

  • Gurrandhalaa
  • Bittatteessa
  • Caamsaa

Ji’ii sadeen Adoolessaa

  • Buufaa
  • Wacabajjii
  • Hoboraa guddaa

Ji’ii Sadeen Hagayyaa

  • Hoboraa Diqqaa
  • Birraa
  • Ciqaawaa
  • Bona Hagayyaa sadeen
  • Sadaasaa
  • Abraasaa
  • Amajjii

Booranatti amma namii Cooniitti jira. Namuu wayaa aadaa fi naqataa hidhatee yaahuutti jira. Namii yoo wal argu

Abraasaa nagana geettanii?

Nagaan geenne!

Jila Coonii nagaan geettanii?

Nagaan geenne!

Waaqii ka bara dhufuullee nuun gahinna!”

Daraaraa abraasaa reefuu jenne kun daraaraa diima. Yoo tolee bahe haga haga taakkuu sadiillee hin gaha.

Yoo argan “Abraasaa baate baatu na hin dhabin jedhanii buqqifatanii dhungata” jedha aabba Borbor

Barii haarahii ka quufaa fi gabbinnaa hormaataa fi bultummaati jenne

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG