Xurree ittiin seenan

Breaking News

Boordiin filannoo Itoophiyaa Paartiin Biltsiiginnaa warqata ragaa argachuu dandeetti jedhee dubbii mureef


map of Ethiopia
map of Ethiopia

Naannolee Itoophiyaa keessaa paartii 8tti asi waliin gahe.Biiroo muummee ministeratti akka itti gaafatamaa dhimma ummataa fi qunnamtii alaa Biltsiginnaa,Awwaluu Abdii jedhetti paartiin tun gammachuun asi geette.. tun asi gahuun gammachuu guddoo.

“Paartileen biyyoolessaa ufi diiganii paartii haaraatti daramuuf murtan.Tun ammo deeggaratoota, miseensotaa fi ummataa Itoophiyaatii gammachuu guddoo.”

Asiin duubatti Ihadeg akka paartiitti jiraachuu fi jiraachuu dhabuu isaa kora isaanii dhufu irratti wannii taaatu taati.

Taatullee akka obboo Awwaluun jedhetti asii achi maqaa Ihadegiin hojjachuu fi dhiisuulleen hinuma taati.

Korii Ihadeg eeguutti jiran miseensa 225 qabu yoom akka tahe ammatti mirkanaa miti.

Ummatii IHADGE filate Biltsiginnaan jidduun dhuftee,seeraanuu hin yayyabamanee jennaan paartileen Biltsignnaatti daraaman seeruma guutatatanii walti dabalaaman karumsa seeraatiin asi gahan jedhe,obboo Awwaluun.

Itti gaafatamtootii Ihadeg ka duriilleen akkuma durii hujuma hujii irra jiran. Dr. ,Abiy, itti gaafatamaan Ihadeg amma itti gaafamtaa Biltsiginnaa tahee hojjata.

TPLF paartii Biltsignnaatti hin dabalamne itti gaafatamtootii isaanii waan itti deeman ummata isaaniitiin wal mari’atan taatullee waan tahaa kora Ihadeg ka itti aanutti murteessa jedha obboo Awwaluun.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG