Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mummichi Ministeera Briteen Biyyi Isaanii Gamtaa Awuroopaa Keessaa Ba’u Qabdi Jedhu


Muummicha Ministeeraa Briteen Boris Joonsen
Muummicha Ministeeraa Briteen Boris Joonsen

Briteen gamtaa Awuroopaa keessaa ba’u hambisuun yoo ni danda’ama ta’e Onkolooleessa 31 sagalee kennuuf Paarlaamaan biyyatti Kibxata har’a sagaleen kennuuf jira.

Sagaleen Kibxata har’a kennamuu kun sagalee kennamee ture hagamiin to’achuun akka danda’amu murteessa. Kun milkoofnaan Robii borii yoo gam lameen walii galuu dhaban gamtaa Awuroopaa keessa turuuf yeroo baatii sadiif akka dheeratu gaafachuuf jira.

Mummichi ministeera Briteen Boris Jaansan walii galteen jiraatu iyyu Briteen gamtaa Awuroopaa keessaa akka baatuuf guyyaan qabame kan walakeessa Onkolooleessa haa kabajamu jedhan.

Sochii paarlaamaa kana mormuun yoo isaan ni milkaa’uu ta’e ituu yeroon hin ga’iin filannoon akka gaggeeffamu gaafadha jedhan.Kana malees miseensoota paartii ofii yaada irratti cichan ykn kannen Konsarvaatiiv keessaa yaada koo mormuun kanneen Briteen akka gamtaa Awuroopaa keessa turtu fedhan cina dhaabatan irratti Jaansan Kibxata kaleessaa dorsisanii jiru.

Jaanson Briteen Gamtaa Awuroopaa keessaa ba’uu Qabdii ejjennaa jedhu qabu.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG