Xurree ittiin seenan

Breaking News

Angawoonni Somaaliyaa Bosaasoo Keessatti Walii Galteen Lola Dhaabinsaa Tolfamu Ibsan


FAAYILII - Humnoota Puntilaand naannoo Bosaasootti, FUlbaana 23,2017.
FAAYILII - Humnoota Puntilaand naannoo Bosaasootti, FUlbaana 23,2017.

Angawoonni Somaaliyaa kan Puutland keessaa, magaalaa buufata doonii Bosaasoo keessatti guyyoota lamaaf lolli cimaan erga geggeessamee booda walii galtee lola dhaabinsaa tolfamuu labsan.

Lolli sun kibxata darbe kan ka’e, humnootii naga eegumsa Puntland murna farra shororkeessummaa yeroo tokko Yunaayitid Isteetisiin deggeramaa turee fi humnootii naga eegumsa naannoo gidduutti ture. Yoo xiqqaate namoonni 14 yoo du’an 63 immoo madaa’uu kanneen ijaan arganiif maddeen mana yaalaa ibsaniiru. Meeshaaleen waraanaa xixqqoon, Metreyyeesii fi moortaarri dhuka’aa kan ture yoo ta’u, jiraattonni hangi tokko qe’ee dhiisanii baqachuuf dirqamuu isaanii kanneen ijaan argan VOA sagantaa Afaan Somaaleef ibsaniiru.

Ministeerri naga eegumsa naannoo Abdisamad Mohammed Galan lola dhaabinsa kana kan labsan roobii kaleessaa yoo ta’u, murtiin kunis jaarsoliin biyyaa, hayyoonnii fi hoogganoonni naannoo kanneen lolli akka dhaabatu gaafatan jidduu seenanii booda.

Galaan ibsa sabaa himaaf kennaniin akka jedhanitti yaalii seeraan wal hin faallessine kan nageenyaaf ta’u kamiinuu simachuuf qophii dha jedhan. Walitti bu’iinsi sun kan uumame wal dhibdee garee lamaanii kan torbanneenii booda. Wal dhibdeen sun kan jalqabame prezidaantiin Puuntilaand Se’ed Abdullaahi Deni ajajaa humnootii naga eegumsaa commander Mohammoud Osman Diyaanoo Sadaasa 24 erga hojii irraa ari’atanii booda. Diyaanoon kutaa hojii isaanii jidduu seenuu dha jechuu dhaan murtii sana fudhatama dhabsiisan.

Walitti bu’iinsi kibxata darbee sun loltoonni naannoo daandii gara waajjira humnootii naga eegumsa Puntlaand kan Bosaasoo gama bahaa akka cufan sababaa ta’e. jiraattonni akka jedhanitti erga bara 1992 ennaa gareen Al-Ltthad Salafi jedhamu garee finciltoota waliin wal lolanii as lola hamaa magaalattii keessatti raawwatame.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG