Xurree ittiin seenan

Breaking News

Bulchiinsii Finfinnee Midrook,investeroota fi dhaabbilee 154 oli waan jedhan hin guunne jedhee lafa hektaara 412 oli irraa guurrate


Bulchiinsii Finfinnee lafa hektaara 412 oli warra lafa fudhatee womaa irratti hin jaarin irraa guure
Bulchiinsii Finfinnee lafa hektaara 412 oli warra lafa fudhatee womaa irratti hin jaarin irraa guure

Bulchiinsii Finfinnee lafa hektaara 412 oli midrook,investerootaa fi dhaabbilee hedduu irraa guure
please wait

No media source currently available

0:00 0:07:31 0:00

Akka bulchiinsii Finfinnee jedhutti hujii lafa nama irraa guuruu kunoo ammaan tana itti duudan. Obboo Tesfaayee Xilahun,itti gaafatamaan waajjira baankii fi dabaraa lafaa Finfinnee.

“Biyya tana jijjiira, biyya guddisna jedhanii bara 1997 jalqabanii lafa fudhatanii waadaa galan.”

Warrii lafa irraa guuran akka obboo Tesfaayeen jedhetti

  • Abbootii qabeennaa 95
  • Waajjiraalee mootummaa 19
  • Dhaabbilee Midrco waliin hojjatan, dhaabbilee 11
  • Diplomaatota tajaajila embaasii biyyoota Afrikaa lafa 18
  • Waajjiraaleen mootummaa federaalaa 11 walumattuu lafa akkanaa fulaa 143 irraa guuran.

Jarii kun lafa embaasii,manneen jireennaa,hoteellii,manneen bultii, gabayaa wadhakkaa diraa(city center) fi waan akka akkaa irratti jaaruuf lafa guurrate.

Walumattuu akka obboo Tesfaayeen jedhetti lafa hektaara 412.6 dhaabbilee 154 irraa guuran.

Warra lafa irraa guuran keessaa tokko Midrock Ethiopia Piyaasaa keessatti gabayaa wadhakkaa diraa “city center” jaaruuf ganna hedduun lafa kaaree kum33,000 caalaa fudhate adoo womaallee itti hin jaarin baraa fi waggaa heddu duwwaa teette.

Akka obboo Tesfaayeen jedhetti jarii kun hagii guddaan dallaa jaaree taahuu malee womaallee irratti hin jaarre lafa midhaasuu dhiisii lafa hammeesseeyyuu.

Fkn Midroc-Ethiopia hoteelii Sheraaton itti ballifachuuf jedhee lafa fudhatee sunilleen achumaan hafte.

Finfinnee Meksikoo mana barumsa Tegbaaree Iddii biralleetti mana bultii jaaruuf jedhanii lafa kennaniif kaaree metirii 6,000 oil gara Boolee kanalleetti Farmaasii irratti jaaruuf lafa kaaree meetirii 9,000 fudhatanii achumaan duwwaa hafte.

Yoo walti deebisan fulaan jarii kun guurrate hektaarii 412.6 “magaalaa diqqoo tokko taha” jedha obboo Tesfaayeen.

Finfinneen kutaa magaalaa 10 qabdi gadaa fi aanaa hedduu qabdillee.

Bulciinsii Finfinnee amma wadhakkaa lafaatii jalqabee itti aanee aanaa fi ganda cufa keessa yaahee lafa duwwaa laalee warra waadaa gale dhiisee lafuma qofa jaaree ufumaa tataahu irraa guura.

“Laftii lafee laftii kan ummataati mootumman garuu ni eega kafaafu tumsa ummataa barbaanna,” jedha obboo Tesfaayeen.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG