Xurree ittiin seenan

Breaking News

Bulchiinsii Tigraay dhumaatii Wallaggaa Dhiyaa fi naannoo dhibiilleetti sabatti xiyyeeffatu qaama walabaatiin qoratamuu qaba jedha


Tigray Region
Tigray Region

Biiroon bulchiinsa odeeffannoo naannoo Tigraay dhumaatii Wallaggaa fi naannoo dhibii akka qaamii walabaa qoratu fedha jedha
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:01 0:00

Wallaggaa dhiyaatti akka bulchiinsii biiroo odeeffannoo Tigraay jedhetti ummataa fi bulchiinsii isaa guddoo gadde.

Eessattuu taanaan mootummaa fi ummatii Tigraay fixiitii gosaa fi saba tokko jabeessee falma, jedha.

Akka itti aanaan itti gaafatamaan biiroo tanaa, Haddush Kaasuu VOAtti himeetti ganna lamaa fi wadhakkaa dabaran ummataa fi mootummaan naannoo Tigraay ijjeechaa gosa irratti xiyyeefate falmee dhaabuuf qabsaahaa bahe.

Jra Wallaggaa Dhiyaatti ummata nagaa akkasitti fixe diidessanii qoratanii adoo akka dansaa hin beekin dubbiin irraa diddibuuf akkuma baratan qaama dhibiitti haqachuutti jiran jedha itti gaafatamaan kun.

"Ummtaa fi mootummaa Tigraay irreen jilbiiffachiisuuf qophii itti jiran jabeeffachuuf Tigraayii fi IWAHT waan akkanaatiin himaan jedha obboo Haddish.

“Warrii siyaasaan daldalu, dhiigii harka coollesse ummataa nagaa hidhee ijjeese namatti haqata.

Ummata Tigraayii fi mootummaan naannoo Tigraay afaanii isaan hin bu’u.Adoo hin qoratinuu TPLF fi ABO Shaneetti quba qaban jedha.Warra rreen bulchu Shaabiya waliin Tigraay jiblbiiffachiisuuf tana tolchan jedha.

Ummata nagaa fixanii, faayidaa siyaasaa argachuuf deemuun daba wal irratti tuuluu qofaa mitii dhugaa dhossuuf deemuutti jiran tun beekamu malte jedha obboo Haddush.

Wallaggaallee tahee ummata nagaa saba tokko waan tahaniif garaa hammeennaan fixan eessattuu akka dhugaan qoratan feena, jedha, itti aanaan itti gaafatmaa biiroo odeeffannoo biiroo mootummaa naannoo Tigraay.

Akkuma baratan, akka irra hin dibne, dhaabii mirga namaa, dhaabbilee addunyaa qoratanii gareen badi tun eennu akka taate akka dansaa beeksisuuf dhugaan qorachuu qaban jedha.

Addunyaan adoo dubbiin keessa hin turanii dubbiin hin dhoffaminuu waan kana jabeessee keessaa qulqulleeffatee qorachuu malee jedha ibisi biiroo odeeffannoo mootummaa naannoo Tigraay.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG