Xurree ittiin seenan

Breaking News

Barattootii yuniverstii Bulee Horaa waraanii mootummaa doormii duudee ijoollee dhaanee caaccabsee gaazii imimmaanii itti biife jedhan


Waraanii mootummaa yuniversitii Bulee Horaatti ijoollee dhaane caaccabse jedhani 'bulchiinsii quba hin qabu'(kuusaa suuraalee)
Waraanii mootummaa yuniversitii Bulee Horaatti ijoollee dhaane caaccabse jedhani 'bulchiinsii quba hin qabu'(kuusaa suuraalee)

Waraanii mootummaa yuniversitii Bulee Horaatti ijoollee dhaane caaccabse jedhani 'bulchiinsii quba hin qabu'
please wait

No media source currently available

0:00 0:08:17 0:00

Yuniversitiin Bulee yuniverstii godina Gujii Dhiyaa jirtii barattoota kuma 12 caalaanitti itti barata jedhan.

Akka ijoolleen hardha dubbifne jedhanitti barattootii dhiyoo tanaayyuu rakkoo himachaa akka bulchiinsii isaanii rakkoo tana Oromiyaatti himuuf gaafachaa bahanii haga deebii argatanitti barumsallee dhaaban.

“Ijoolleen ka isiin barachuu diddeef ummatii keenna daangaa irratti dhumachuutti jira.Ijjeechaa ha dhaabbatuu COC kana hin fudhannu jette,” jedha barataan ganna sadeessoo seera baratu ka achii dubbifne.

Deebii dhabdee jennaan akka jarii jedhutti ijoollee barumsa yaahuu didde.

Yuniversitiin beeksisa baastee akka ijoolleen baattu gaafatte,Ijoolleen tanallee hin fudhanne gaafii ufiitti dabran.

“Ganama ennaa isiin saatii lama geettu ijoolluma ‘gibbii’ keessa jirtu akkanumattti itti duudanii dullaa fi gaazii imimmaanii taaniin dhaanuu jalqaban.

Kaan doormii caccabsaa keessaa guuranii ka doormii cabsanii keessaa guuran makiinaatti fehanii mana hidhaa keessa geessankaan adoo dheetuu kufee caaccabse.,Warrii akka malee caccabelleen hedduu.Agaaziitti ijoollee dhaana.Jari kun numa waliin ‘gibbiitti’ gala jedha.

“Nami hagii kaan ya baqatee yuniverstii bahe jedhan.Yoo namii gaafi gaafatu ykn hin barattanii ykn ammoo achi yaatan jedhan,” jedha.

Obboo Teshoomee Jifaar bulchaa godina Gujii Lixaati. “Ani achi waan hin turreef quba hin qabu.Ijoolleen barumsa waldhowwitee wal rakkisaa jiraachuu isii quba qabaa. Ka hin barannaa fi hin barannu jidduutti,” jedha.

Rakkoon duraan ijoolleen himatte akka jecha obboo Teshoomeetti rakkoo bulchiinsa dansaa yuniversitii keessaa qabaachuuti.Tana malee rakkoodhibii himatan hin dhageenne jedha.

“Minsiterii barnootaa aamnaa dhaqee ijoollee dubbisee rakko hiikee jira.Barumsii dhaabachuu hin qabu,” jedha.

Woma taateefuu obboo Teshoomeen rakkoo ijoolleen himatte jedhani doormii caaccabde dhaqee laalaa jedha.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG