Xurree ittiin seenan

Breaking News

Buufati Doonii Barbaraa Banamuun Hojii Jalqabe


Buufata Doonii Barbaraa
Buufata Doonii Barbaraa

Prezidaantiin Somaaliilaand Musaa Biihii, jilli ol aanaan kan mootummaa Itiyoopiyaa fi daayirikterri DP World Sulxaan Biinii Suleeyiman bakka argamanitti buufati doonii Barbara projektiin marsaa duraa banamee hojii jalqabee jira.

Dhibba irraa harki 51 DP World, harki 30 Somaalii laandii fi harka 19 immoo qooda Itiyoopiyaa kan ta’e buufati Barbaraa projektiin marsaa duraa buufata konteneroota kuma shan baachuu danda’u kan qabuu fi waggaatti konteneroota miliyoona tokko keessummeessuu danda’a jedhamee jira.

Buufati sun kireenii jabanaa kan meeshaa ittiin doonii irraa buusan kan of iraa qabuu fi har’aa qabee doonilee gurguddaa keessummeessuu dhaan godinaa sanaaf keessumaa Itiyoopiyaa dhaaf bu’aa addaa akka qabu ibsameera.

Ministrittiin geejjibaa Itiyoopiyaa aadde Daagimaawit Moges sirna sana irratti akka dubbatanitti Itiyoopiyaan karoora dinagdee waggoota 10 kan qopheessite ta’uu isee fi baasii fi galii biyyattii guddisuuf buufati doonii babal’isuun barbaachisaa waan ta’eef boofati Barbaraa banamuun qooda ol aanaa qaba jedhan.

Ministriin maallaqaa obbo Ahimed Shidees gama isaniin buufati kun marsaan duraa hojii jalqabuun walitti dhufeenya dinagdee godinaa sanaa kan guddisuu fi keessumaa yeroo yerootti guddataa kan adeeme dinagdee Itiyoopiyaaf sochii buufata kana irratti taasisamu keessatti Itiyoopiyaan ni hirmaatti jedhan.

Prezidaantiin naannoo Somaalee Musxefee Mhammud gama isaaniin Itiyoopoiyaa dhaaf keessumaa naannoo Somaleef tajaajila sadarkaa isaa eeggatan kan kennanii fi meeshaaleen buufata doonii irraa bu’an illee nagana bakka yaadame akka ga’an ni taasisama jedhan. Hojiin kun mul’inatti jalqabuu isaas sabaa himaan Somaalee gabaasee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG