Xurree ittiin seenan

Breaking News

Caamnii Hamaan Somaaliyaa Keessatti Ummata Walakkaa Miliyoonaa Ta’u Godaansiise


Mootummaa fi Qaamonni Addunyaa Rakkoo Caamaa Hamaa Bulchiinsa Naannoo Somaalee Mudate Irraa Uummata Oolchuuf Carraaqaa Jiran
Mootummaa fi Qaamonni Addunyaa Rakkoo Caamaa Hamaa Bulchiinsa Naannoo Somaalee Mudate Irraa Uummata Oolchuuf Carraaqaa Jiran

Keessumaa kutaa Puuntlaand keessa horsisee bulaan jiraatan kanneen loon isaanii jalaa dhuman gara magaalaatti dheessuun lafa daahaannaa barbaadaa jiru.Hangi tokko qabeenyaa isaanii keessaa walakkaa dhisuun geejibii konkolaataa dhabuun Gaalaan guyyaa hedduuf imaluuf dirqaman.

Caama mudatee Kanaan lammiwwan Somaaliyaa Miliyoona 2 beelaan rakkataa akka jiran kan ibse Tokkummaan Mootummotaa kanneen keessaa kuma 400 fi kuma 30 kan ta’an manaa fi qe’e ofii gadhisuun godaanuu ibsee jira.

Rakkoon isaanii guddaan hanqiina bishaanii yoo ta’u haallii jiru nu dirqisiifnaan dheebuu fi beelaan du’u sodaannee godaanne jedhu jiraatonni. Angawoonni magalaa naannoo itti dheessanii jiran immoo keessummeesuuf humna hin qabnu jedhu.​

Gabaasa guutuu dhaggeeffadhaa

Caamnii Hamaan Somaaliyaa Keessatti Ummata Walakkaa Miliyoonaa Ta’u Godaansiise
please wait

No media source currently available

0:00 0:01:49 0:00

XS
SM
MD
LG