Xurree ittiin seenan

Breaking News

Caamnii Hammaachuuf Uummanni Daangaa Akka Ce’uu Dirqisiisaa Jira: Angawaa 


FAAYILII - Caamnii hammaachuuf uummanni dangaa akka ce’uu dirqisiisaa jira jedhame
FAAYILII - Caamnii hammaachuuf uummanni dangaa akka ce’uu dirqisiisaa jira jedhame

Caama hamaan biyyoota Gaanfa Afrikaa mudateen namoonnii biyya ollaa taatee Somaaliyaa irraa daangaa ce’uun Itiyoophiyaa akka seenan dirqisiisaa jira jechuun bulchaan bulchiinsa naannoo Somaalee Musxafee Mohammad Omaar dubbatanii jiru.

Kanaaf jecha dhaabnii baqattootaa kan Tokkummaa Mootummootaa (UNHCR) namoota daangaa sadarkaa addunyaa ce’uun Itiyoophiyaa seenanii baqataa ta’uuf jiran kana bakka Dollo jedhamu kan Somaaliyaa keessatti mooraa ijaaree akka simatuuf musxafeen gaafatanii jiru.

Gama kaaniin Itti aantuun barreesituun tokkummaa mootummootaa Aminaa Mohammad prezidaantii Itiyoophiyaa Saahle Warq Zawdee waliin bulchiinsa naannoo Somaalee kan dawwtan yoo ta’u namoota caamaan midhamanis arganii jiran.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG