Xurree ittiin seenan

Breaking News

Caamnii Hammaachuun Ijoollummatti Heerumuu Hammeessaa Jira: UNICEF 


FAAYILII - Ijoollee horii eegaa jian, naannoo Somaalee
FAAYILII - Ijoollee horii eegaa jian, naannoo Somaalee

Caama hamaan Itiyoophiyaa muadateen kan ka’e maatiin abdii kutatan, ijoollee isaanii heruumsisaa kan jiran ta’u dhaabnii daa’immanii Yuniiseef beeksisee jira.Waggaa kana keessa lakkoobsii shamarran ijoolummaan heruumsisuu dacha caalaa dabalee jira.Jaarmayoonni gargaarsaa naannoo caamnii dhahee keessatti kan ittisuuf jecha maatiif gargaarsaa fi bishaan barbaadamuu hanga danda’amee dhiyeessuuf yaalaa jiru.

Bulchiinsa naannoo somaalee keessatti kanneen ofiis ta’e maatii ofii nyaachisuu hin dandeenye gargaarsa argachuuf jecha mooraa namoonni godaanan keessa jiranti dheessaa jiru.

Umrii ishee 14tti kan heerumtee Nasteho Abdii abbaan warraa ishee isheefis ta’e ijoollee ishee durbaa lamaan gargaaruu waan dadhabeef jecha waggaa kana nama biraatti heerumte.

Maal gochuun dand’aa? Ooguuma qabaadhee hin hojjadhu.mana barumsaa seenee hin baranne.Ijoolleen koo rakkataa jiru jette.Yuniiseef akka jedhutti, dubartoota Itiyoophiyaa kanneen 100 keessaa harka 40ni umriin isaanii 18 ituu hin guutiin heerumu.

Sababaa caamaan kan ka’e dhiibbaan dinagdee ennaa mudatu jedhu hayyonni ijoollee durbaa heruumsisuun, rakkoo maatii salphisuun heruumsisuu isaaniin akka boonan taasiisa jedhu.

Qorannaa Yuniiseef gaggeesse akka agarsisuutti ijoollummaan heruumsisuun bulchiinsa naannoo Somaalee keessatti dachaan kan dabalee yoo ta’um lakkoobsii kun caalaa dabaluu mala jedhee jira.

Seerrii biyyatti keessaa fudhaa fi heeruumnii umriin 18 jalqabee waan jedhuuf jecha kanneen umrii Sanaa gaditti gaa’iila dhaabbatan hin galmoofnee.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG