Xurree ittiin seenan

Breaking News

Caasaa Hawaasaa Haaraa SeeNuun Yeroo Dhiyootti Sirnaan Labsamuuf Jira


As US Portland Oregon keessa kan jiraatan dargaggoonni Oromoo sadii caasaa hawaasaa ykn “profesional social networking site” kan SeeNuu jedhamu uumanii jiran.

Caasaan kun barattoonni keessumaa kan sadarkaa lammaffaa bakka isaan milkaa’ina barnootaan itti argatan muuxannoo wal jijjiiran akkasumas universitiwwanii fi dhaabbattoonni carraa barnootaa “schilarship” kennan waliin attamiin wal quunnamuu akka danda’an irraa hubatan.

SeeNuu-n Amerikaaa keessa qofaa utuu hin taane Oromiya dabalatee barattoota kutaalee addunyaa ka biroof tajaajila kennuuf karoorfate. Amajjii 25 bara 2012 marsaan SeeNuu sirnaan labsamuuf kan jiru ta’uus bu’uursitoonni beeksisanii jiru. Dargaggoonni Oromoo cicha qaban kun barattoonni abjuun isaanii dhugoomee akka milkaa’an gochuuf qophee ta’uu isaanii dubbatu. Gaaffii fi deebii bu’uursitoota SeeNuu waliin goone kutaa duraa MP3 tuquun dhaggeeffadhaa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG