Xurree ittiin seenan

Breaking News

Wuhan Keessa Yeroo Duraaf Namni Vaayiresii Koranaan Qabame Haaraan Odoo Hin Argamin Oole


Magaalaa Chaayinaa dhukkubni Vaayiresii Koranaa dura keessatti argame – Wuhaan keessatti, yeroo jalqabaatiif, Roobii kaleessaa namni vaayirechaan qabame haaraan akka hin argamiin har’a gabaasamee jira.

Magaalaa Wuhaan keessatti faca’insa vaayiressichaa dhaabuuf jecha aangawoonni baatiilee lama guutuuf magaalattii sochii irraa ugguranii kaa’an. Faca’insi vaayiresichaa magaalattii keessaa gad xiqqaataa deemuun dhiheenya kana gabaasamaa ture.

Magaalaalee Chaayinaa kanneen biroo keessatti garuu, aangawoonni eegumsa fayyaa biyyattii har’a akka gabaasanitti, kaleessa namoota bakkawwan biroo dhufan 34 irratti dhukkubichi argame. Kun immoo, namoonni bakkawwan biroo irraa gara biyyattiitti imalan vaayiresicha itti fidanii dhufuun tarkaanfii fooyyaa’inaa biyyattiin agarsiiste boodatti harkisaa jira, yaaddoo jedhu uumee jira.

Chaayinaa keessatti eega baatii Mudde dabree dhukkubichi mul’atee as namoota gara kunma saddeettamii tokkoo tu dhukkubichaan qabame. Kanneen keessaa kuma sadi’ii fi dhibba lama kanneen ta’an ka du’an yoo tahu irra caalaan isaanii garuu, fayyanii dhukkubicha irraa dandamatanii jiran.

XS
SM
MD
LG