Biyyootan gaanfa Afrikaa gidduutti nageenyaa buusuudhaa fi harka galfannaa alaa hambisuudhaaf chaayinaan qophoftuu ta’u ishee gaanfa afrikaatti Jiil addaa chaayinaa jue Biing ibsaniiru.
Bakka bu’aan Chaayinaa kun, kan ibsan walgahii mata duree Bulchiinsaa fi misoomaa jedhu irratti yeroo jalqabatiif chayinaadhaa fi biyoottan gaanfa Afrikaa giduutii taasifame irrati.
Walagahii wixata kaleessaa Finfinnee keessatti taasifamee irratti biyyootaan gaanfaa Afrikaa 6 hirmaachuu isaanii kan ibsee gabaasinii Haliimaa Atumaanii, jeequmsii fi wal qoodinsii naanichaa ol ka’aa jiraachuu isaa bakka bu’an chaayinaa dubbachuu isaanii ibseeraa.
Yemmuu nageenyii fi misoomnii walti bu’insaa keessaa seenee jiruu kanatti Sammuun bara waraana qabbanaa’aa ykn Cold war fi siyaasnii aangoo ol bahee mulachaa akka jiruu kan dubbatan jiil addaa mootummaa chaayinaa,
" ilaachaa waloo, hunda hirmaachisaa, walgargaarsaa fi nageenyaa tasgabaa’aa naanichaa keessaatii mirkaneesudhaaf chaayinaan biyyootan naanichaa bira dhaabachuu itti fufti. Nagaa fi nageenyaa naanichaa eeguudhaa fi gaanfaa Afrikaa keessatii akka sagaleen qawwee hin dhagahamnee taasisuudhaaf," jedhaniiru.
Dhimma nageenya biyaalesaa irraatti gorsaa muummee minsteraa Abiy Ahimad kan ta’an Ambaasaader Reediwaan Hussen biyyootaan gaanfaa Afrikaa rakkina iyummaa, hongee, godaansaa seeraan alaa, baqatumaa, shororkeesumaa, jijirama qileensaa, jireenyaa irraa buqa’iinsaa biyya keessaa fi itti fufiinsaa wal waraansaatiif furmaataa kenuudhaaf fala addaa hordofuu akka qaban hubachisaniiru. Itti dabaluudhaans,
“Waltii dhufeenyii nagaa fi nageenyaa as irratii waan gadi fageenyaan ibsamuu qabuudhaa. Naanichaa gidiraa wal waraansaa fi waliti bu’isaa keessaa baasuudhaan nagaa fi nageenya mirkaneessuun gareen hundaafu dursa ittu fufiinsa qabuudhaa.ummanii naanichaa gidiraa gahaa argeeraa. Rakkinaa fi garagarummaa keenyaa akkaataa qaroomaa fi bilchina qabuun ilaaluutu nurraa eegama.” jedhaniiru.
Waltii dhufeenyii yeroo dheeraadhaaf Chaayinaadhaa fi Afrikaa gudduu turee michummaa daldalaa irratti kan hundaa’ee ta’u isaa kan ibsee gabaasinn kun, Chaayinaan siyaasaa biyyotan Afrikaa keessaa yemuu seentu kun yeroo jalqabaaf akka ta’e hubachiisee Chayinaan Afrikaa irratii jijjirama imaammataa taasisuuf yaaduu ishee eereera.