WASHINGTON, DC —
United States, Japan fi Australian falmii dhimma galaana dhinaa kibbaa ilaalchisee har’a yaaddoo qaban ennaa ibsan tarkaanfiin waraanaa naannoo Sanaa muddama jiru hammeessu akka dhaabatu waamicha godhanii jiru.
Biyyoonni sadan ibsa kan baasan ministriin dhimma alaa Ameerikaa Rex Tillerson erga isaan gitoota isaanii kan Awustraaliyaa fi kan Japan Taro Kono waliin Phillipines keessatti wal arganii booda.
China fi Philippines walii galtee waggaa darbe dhimma galaana china kibbaa ilaalchisuun irra ga’ameef akka abboomaman biyyoonni kun gaafataniiru.