Xurree ittiin seenan

Breaking News

Cinaa keessatti namoonni 200 ta’an ajjeefamuu jiraattonnii fi angawoonni ibsanii Jiru. Obbo Geetachoo Raddaa gama isaaniin soba jedhan


Sirna awwaalchaa namoota Cinaa keessatti ajjeefamanii
Sirna awwaalchaa namoota Cinaa keessatti ajjeefamanii

Gondar kaabaa aanaa Daabat keessatti kan argamtu ganda baadiyaa Cinaa Tekilehaayimaanoot jedhamtu keessatti hidhattoonni Adda Bilisummaa Uummata Tigraay (ABUT) namoota nagaa 200 ol ajeesuu isaanii mootummaan Itiyoopiyaa, kanneen miidhaan irra ga’ee fi jiraattonni ijaan arguu isaanii dubbatan ibsanii jiru.

Cinaa keessatti namoonni 200 ta’an ajjeefamuu jiraattonnii fi angawoonni ibsanii Jiru. Obbo Geetachoo Raddaa gama isaaniin soba jedhan
please wait

No media source currently available

0:00 0:08:21 0:00

Hidhattoonni ABUT gandattii keessa yeroo itti turan guyyaa shan keessatti manaa mana deemuun namoota nagaa ajjeesan jechuun jiraattonni ijaan argine jedhan dubbatanii jiru.

Gama biraan dhaabbattonni oduu Rooyitarsii fi Asosheetid prees humnoota Tigraay jechuun kan waaman fi mootummaan Itiyoopiyaa shorokeessaa jechuun kan moggaase hidhattoota ABUT, guyyoota darban keessa injifatamuu isaan mudate booda, namoota nagaa 120 ol ajjeesuu isaaanii angawoota naannoo maqaa dha’uun gabaasanii jiru.

Ajjeechaan kun baatilee darban kudhaniif wal waraansa geggeessame keessatti fixiinsa akkaan suukaneessaa raawwate ta’uu Asosheetid Prees ibsee jira.

Gama kaaniin looltonni Tigraay siviiloota 120 ganda cinaa jedhamtu keessatti ajjeesan jechuun kan dhaabbatii oduu Rooytars gabaasee dubbii himaan Adda Bilisummaa Uummata Tigraay (ABUT) kan ta’an Obbo Geetaachoo Raddaa soba jechuun har’a dhaamsaTwitarii ofii irratti barreessaniin beeksisanii jiru.

Looltonni Tigraay Hagayya 26 fi 27 Daabaat keessatti uummata jumlaan fixan jechuun aangawoonni bulchiinsa naannoo Amaaraa himannaa dhiyeessan Obbo Geetaachoon soba jedhanii gama kaaniin gabaasa Rooytars ilaalchisuun Tigraay dhiyaa keessatti uummata walittiqabanii fixuu fi dubartoota gudeeduu dhaqqabe jedhaniif bulchiinsa nannoo Amaaraa deebisanii himatan.

Looltoonni keenya siviiloota ajjeesan jechuun himannaa dhiyaatee soba aka ta’e cimsinee dubbanna kan jedhan Obbo Geetaachoon, yakkonni gaggeeffaman jedhaman qaama walaba ta’een akka qoratamuuf irra deebinee gaafanna jechuun dhaamsa Twitarii isaanii irratti gaafatan.

Iddowwan to’annaa Adda Bilisummaa Uummata Tigraay (ABUT) jala jiran keessattis qorannaan akka gaggeeffamuuf haala kan miijeessan ta’u ibsuun oduun mirkanii hin qabne ittiin jedhan Kun dhugaa ta’u hin danda’uu jedhanii jiran.

Gabaasa Asteer Misgaanaaw Baahir Baar irraa ergiite caqasaa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG