Xurree ittiin seenan

Breaking News

Naannoleen Oromiyaa fi Gambeelaa Weerara Vaayiresii Koronaa Ittisuuf Qophee Ta'uu Ibsan


Hoospitala Naqamtee
Hoospitala Naqamtee

Naannolee Oromiyaa fi Gaambeellaa keessatti weerara Kooviid-19 marsaa 3ffaa dursanii ittisuudhaaf qophaa’uu isaanii Biirooleen Fayyaa Naannolee lameenii Raadiyoo Sagalee Ameerikaatti himanii jiran.

Itti gaafatamaan Daayirektoreetii Balaa Tasaa, Fayyaa Hawaasaafi Qorannoo Fayyaa naannoo Oromiyaa Obbo Gammachuu Shuumii “Oromiyaa keessatti weerarri KOOVID marsaa 3ffaa naannoo keenyatti ka’uufi ka’uu dhabuu adda-baafachuuf qorannoon taasisamaa jira”, jedhanii, ittisaafis qophii taasisannii akka jiran dubbatan.

Haaluma wal fakkaatuun, hoogganaan Biiroo Fayyaa Naannoo Gaambeellaa Obbo Ruut Gaatwiich tibbana namootni 8 Kooviid 19 qabamuu eeranii, “weeraricha dursanii ittisuuf hubannoo hawaasaaf kennaa jirra” jedhan.

Hoji-geggeessaan Hospitaala Ispeeshaalaayizidii Naqamtee, Doktor Taariikuu Taaddasa, “Dagannaan hawaasa biraa mullatu kan gatii nama baasisu waan taheef of eeggachuun baay’ee barbaachisaa dha,” jechuun dhaabmsa girsaa dabarsan.

Gabaasa guutuu caqasaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:05:17 0:00


Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG