Xurree ittiin seenan

Breaking News

CPJn Itoophiyaan Gazexeessota Tibbana Hiite Atattamaan Akka Gaddiistu Gaafate


Loogo CPJ (Koree mirga gaazexeessotaatii dhaabbate)
Loogo CPJ (Koree mirga gaazexeessotaatii dhaabbate)

Gabaasni Koreen mirga gaazexeessotaatii dhaabbate (CPJ) bara 2015 baase Itoophiyaan biyyota odeeffannoo saansuurii godhaan keessaa afraffaa, biyyoota Afrikaa gaazexeesoota baayyinaan hidhaatti naquudhan beekkaman keessaa immoo 3ffaa dha jedha

Ibsa kaleessa baseenis CPJn, “hoggantoonni biyyattii gaazexeessotaa fi biloogaroota guuraanii hidhuun isaanii bayyee nu yaaddeessa jira,” jechee mootummaan mirga yaada walabaan ibsachuu han akka addunyaatti mirga dhala namaa waliigalaa ta'e lammiwwan isaati aka eegu gaafata.

Koreen mirga gaazexeesatti falmuudhaa dhabbatee kun, gaazexeessaa Abdii Gadaa dabalatee dhimma biloogeroota garee Zoon Naayinii tibbana debi'anii hidhamanii fi as buuteen dhabamee irratti xiyyeeffata.

Gaazexeessaan Tivii OBS, Abdii Gadaa erga Sadaasa 9, 2016tii as buuteen isaa dhabamuu fi maatiin isaa hidhamu hin oluu jedhanii shakkuu ibsi CPJ kaleessaa eeruus, Raadiyoon Sagalee Amerikaa Abdiin magaala Adaamaa buufata poolisii tokkotti hidhamee jirachuu harraa qulquleeffateera.

Gabaasa guutuu kana cuqaasuun dhaggeeffadhaa

XS
SM
MD
LG