Xurree ittiin seenan

Breaking News

Daandiin Qilleensa Itiyoopiyaa Hoji Geggeessaa Haaraa Muude


Daandiin Qilleensa Itiyoopiyaa Obbo Masfin Xaasoo Hoji Geggeessaa Gochuun Muude
Daandiin Qilleensa Itiyoopiyaa Obbo Masfin Xaasoo Hoji Geggeessaa Gochuun Muude

Boordiin bulchiinsa garee daandii qilleensa Itiyoopiyaa obbo Mesfin Xaasoo Baqqalee Bitootessa 23 qabee Hoji geggeessaa daandii balalii Itiyoopiyaa gochuun muuduu isaa beeksisisee jira.

Obbo Mesfiin kan sababaa fayyummaa isaaniif jecha dursanii soorama ba’uuf boordii daandii balalichaa galfatan fi gaaffiin isaanii mirkanaa’e, hoji geggeessaa duraanii obbo Teweldee Gebremaariyaamiin bakka bu’u. obbo Mesfiin bulchiinsa daandii balalii fi hojii suphuu xayyaaraa fi injineriingii, bittaa xayyaaraa, IT, hojii qindeessa balalii, ijaarsa dandeetii, misooma tarsiimoo kampaanilee gurguddaa waliin jiru, bulchiinsa hojii daandii balalii fi caasaa hooggana kampanii ol aanaa keessa muuxannoo hojii waggoota 38 qabu.

Digirii isaanii lammataa ykn masters isaanii Business Adminstratin dhaan, UKtti kan argamu open Yuniversitii irraa, elektrikaal enjineriing dhaan illee Yuniversitii Finfinnee irraa Masters isaanii kan argatan akkasumas Yuniversitii dhuma Finfinnee irraa digirii jalqabaa elektrikaal enjineriing dhaan argataniiru.

Dura taa’aan boordii daandii balalii obbo Girmaa Waaqee, akka jedhanitti obbo Mesfiin aangoo haaraa isaan itti muudamaniif baga gammaddan jechaa, dandeettii isaanii ilaalchisee amantaa guutuun qaba jedhan. obbo Mesfin daandii balalii kana milkaa’ina guddaa dhaan ga’u, baraa baratti guddina kan agarsiisaa dhufe daandii balalii kana karaa sirrii itti fufusiisu jedheen amana jedhan.

Obbo Mesfin Xaasoos gama isaaniin, kurna afur waan ta’uuf itti gaafatama adda addaan kan ani tajaajilaa ture daandii balalii Itiyoopiyaa fi hoji geggeessaa ta’ee muudamuu kootti boonuu guddaatu natti dhaga’ama jedhan. Qoodi koo inni haarawaan kun daandiin balalii keenya guddina safisaa fi bu’a qabeessa galmeessuu dhaan gara sadarkaa ol aanaatti akka ce’uuf carraa naa kenna. Kanaaf waahiloonni koo hojii harka wal qabannee milkaa’ina itti dabalaaf fuula duratti akka adeemnu waamichan dabarsa jedhan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG