Xurree ittiin seenan

Breaking News

Daarekter VOA Amandaa Bennetii fi itti aantuun isii 'hujii jabduutti jirtani jabaadhaa' jedhanii nagaa dhaamatani itti gaafatama irraa bu'an


(L to R) VOA Director Amanda Bennett and Deputy Director Sandy Sugawara
(L to R) VOA Director Amanda Bennett and Deputy Director Sandy Sugawara

Amandaan bulchiinsa pirezidaantiitti filate ganna afur VOA bulchaa baate.Isii fi itti aantuun isii Sandii Sugawara kalee hujii bu’uu isaanii hojjattootatti himanii VOA poropogaandaa Chaayinaa oofteetuu hin beettu jettee mormatte.

Xalayaa nama pirezidaanti Tiraampi bulchiinsa USAGM bulchuuf filate Michael Pack barreessaniin bulchiinsii abbaa fedhe filachuun mirga isaati jedhanii barreessaniif.

“Waan keessaniif jennee hujii hin dhiimne. Nu huji lakkimnulleen jaalaltii hujii qabdan,dhugaan isan dhaabbataniif,waadaan hujii teessanii hin jijjiiramu,”jedhan.

Maaykil Paak namii itti gaafatmaa guddaa USGM (US Global Media)VOA jala jirtuu filame akkan jedhee senetii duratti kakate.

“Maqaa jabaa VOAn qabdu addunyaanuu beettuun hin ulfeessaa,akka ufi dandeettee hojjattu kabaja,”jedhee jedhan Amanaadaa fi Sandiin.

Ji’aa tokko asi eegii pirezidaanti Tiraampi nami innii hujii bulchiinsa VOAtif filate, Maayki Paak senetiin irraa turse malee silaa ganna lamaan duratti hujii jalqabuu male.

Pirezidaanti Tiraampi dhiibuma dhiibee Maaykil Paakk hujii bulchiinsa VOAtti himetti VOA akkuma durii hujii ufiitti hirkattee deemti moo asii achi afaan mootummaa Amerikaa taati jedhee namii yaaddahee wa gaafachuutti jira.

Seerii VOA bultuun oduun isiin Chayinaa, Raashiyaa,Iraanii fi biyya feetettu dabarsitu dhugaa qulqullittii,Amerikuma qofa fulaa buutuu tahuu malte jedhan Amandaa fi Sandiin.

Ebla bara 2020 keessaa ammoo bulchiinsi White House, VOA poropogaandaa Chaayinaa afarsiti jedhee Viidiyoo magaali Chaayinaa Wuhaan kornaa jalaa mataa oli qabattee banamte jedhe maxxanse.

VOA yoo hedduu nyaapha Amerikaatii dhaabatti malee lammii Amerikaatiif hin dhaabattu jedhe himate bulchiinsii White House.

Itti gaafatamaa damee media hawaasummaa Social Media pirezidaanti Tiraampi,Dan Scavino ammoo yaada sun fuudhee “lammiin Amerikaa poropogaandaa dharaa dhaabii VOA ka mootummaan horiin gargaaru Chaayinaa afarsuu gibira baasuutti jira,” jedhee twwiter ufi irra keeyyate.”Kun Ulfinna dhabuu,” jedhe.

Viidiyoon magaalii Chaayinaa ta dubbiin irrati kaate, Whaan ya banamte jedhe sun ka Associated Press tahullee ykn ammoo lakkoofsii nama Chaayinaa Vaayiressii irratti arganii ykn du’eenii VOA maqeeffatte ka yuniversiti Johns Hopkins sun ka waan mirkana jedhanii fudahtan.

Amanda Bennet Daarketerii VOA durii VOA poropogaandaa Chaayinaa hin oowwistuuf jettee oduu VOA hammeenna chaayinaa irratti hojjattee hedduu gadi baafte.

Taatullee pirezidaanti Tiraampi yoo gaazexeessitotaa ibsa kennullee tanauma irra deebihe.Akkana jedhe

“Adoo waan VOA gadi ooftu dhageettani waan bakti waan gara hin qamne,” jedhe. Waan hamtuu biyya teennaan jedhan Maaykil Paakitit itti seenee waan dansaa hojjata jedhe.

Sanbata dabre keessaa VOAn dhaabii tohannaa dhukkuba Amerikaa CDC gaazexeessitoota teenna maqaa balleesse jettee himatte.

CDC bulchiinsii White House maqeeffattee VOA odeeffannoo kennuu dide.

Amanda Bennet ammoo CDC yaada sun yaaduma White House qofaa murtii irra geettan sun waan tahuu malee mitii dafaa dhiisaa jetteen.

Daarekterii VOA Amandaa Benetii fi itti aantun isii Sandii Sugawara kalee hojjatootaa email barreessaniin yaayyuu hujii lakkimnee nagaatti jedhanii waan bara isii keessa hojjatte hedduu barreessan.

Taatullee nama pirezidaanti Tiraampi filate, Maaykil Paakitti irraa bu’aa jedhee fi bu’an moo fedhumaan bu’anii irratti womaa hin jenne

“Akkana jedhan isan jabeenna keessaniin, ogummaa hujii teessaniitiin,garaa kutannaa hujii irratti qabdaniin,waadaa hujii tanaa galtaniin Maaykil Paak waliin hojjattan hinuma beennaa jedhani dhaamatan.

Namii amma USGM bulcuuf deemu Paak nama durii fiilmii hojjatu durii gorsaa pirezidaanti Tiraampi Stephen Bannn waliin jaalaati.

USGM, VOA waliin damee 4 ufi jalaa qaba: Radio Free Europe/Radio Liberty,Radio Free Asia fi Cuba Broadcasting.VOAn afaan 47tin addunyaatit oduu himti torbaanitit nama miliyoona 280 caqasa

Amandaa fi Sandii maleellee Liby Liu, itti gaafatamtuu dhaaba Open Technology Fund VOA waliin hojjatanilleen yaayyuu hujii irraa buute

Amandaa Bennet pirezidaanti Obaamaatti ganna 4n duratti hujii tanatti filate. Amandaa badhaasa gaazexeessa badhaaan ka akka Pulitzer award jedhanillee ya argatte. Gaazexeessituu dandeettuu oduu guuruu hedduu qabdu media akka akkaa ka akka Bloomberg,PhiladelphiaInquirer fi Wall Street Journal fa.

Ganna dabre dhaabi gaazexeessitotaa National Press Club hujii isiitit gammadee akka isiin walabummaa gaazexeessummaa irratti dubbatut gaafannaan hujii VOA biyya mirgi gaazexeessummaa keesa hin jirretti hojjattu akka fkn fudhattee guyyuma guyyaan hujiin teennaayyuu tanuma jettee mirkansee.

Sun malee nu poropogaandaa hin hojjannee hin hojjannuuyyuu jettee mirkansite.

Itti aantun isii Sandiin bara hedduu dhaaba oduu UPI fi gaazexeessituu Washington Post taatee hojjatte.

Nama amma itti gaafatamaa guddoo USGM tahee dhufe Paak guyyaa 11 duratti koreen Senetii Amerikaa haga guddaan harka paarti Rippaabilikana jiru hujii tanaaf filate Demokriaatotii hedduun irratti didan.

USGM Amandaa Benetii fi fi Sandii Sugawara hujii isaaniitiif galata galchaniif gufuun isan hin dhahin jedhanii jedhee eebbise.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG