Rakkoolee nageenyaa yeroo adda addaatti Oromiyaa Lixaa, keessumaa godinaalee Wallaggaa afuran keessatti mudatu irraa kan ka’e daldaltoonni naannoo sanatti argaman dhiibbaan hojii isaanii irra ga’ee, liqaa maallaqaa baankiilee irraa fudhatan ka deebisuu dadhaban tahuu dubbatu
Dhimma kana ilaalchisee kan gaafataman Pirizinaadntiin Baankii Daldalaa Itiyoophiyaa Obbo Abbee Saanoo “rakkoon nageenyaa dabree dabree haa jiraatuyyuu malee liqeffattoota baankii keenyaa sadarkaa liqaa deebisuu dadhaburraan hin geessisne jedhu. Mootummaa naannoo Oromiyaatti Hoogganaa Biiroo Dhimmoota Komuunikeeshinii Obbo Geetachoo Baalchaa gama isaaniin dhimmicha Mootummaan quba qabaachuu eeranii, “xiyyeeffannoon itti kennamee jira,” jedhu.