Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dandeettii Humna Namaa Ijaaruun Bu'uura Misoomaa ti


Wal ga’iin waldaa qonannnoo Oromoo ykn OSA kan walakkeessa waggaa Caamsaa 2 fi 3 biyya Kaanaadaa magaalaa Ottawaa keessatti geggeessamee jira.

Wal ga’ii kana irratti hayyoonni Oromoo waraqaa qorannoo isaanii dhiyeessuu dhaan dandeettii humna namaa Oromiyaa keessatti attamiin ijaaruun danda’ama isa jedhuuf ka biroo irratti mari’achuu isaanii dura taa'aan waldaa qorannoo Oromoo kan OSA bara kanaa Dr. Beenyaa Dhugaasaa ibsanii jiran.

Wal ga’ii sana irratti qabxiilee ijoo ka’an keessaa sabaa himaaleen, barnooti dandeettii uummata tokkoo guddisuuf qooda attamii qabu isa jedhuuf hawaasa tokko keessatti hirmaannaan dubartootaa guddachuun hawaasaaf bu’aa inni qabu akkasumas abbaa lafaa ta’uu fi dhiisuun dandeettii uummatichaa guddisuu irratti dhiibbaa inni qabu maali kanneen jedhantu keessatti argama.

Hayyoonni wal ga’ii kana irratti hirmaatan akka ibsanitti dandeettiin uummataa guddachuu kan inni danda’u aadaa uummataa irratti yoo hundaa’e qofa jedhan.

Wal qixxummaan gosootaa fi amantii hin jiraatu taanaan guddinaaf hundee ta’uus hayyoonni wal ga’ii sana irratti hirmaatan dubbatanii jiran.

Gaaffii deebii gabaasa kanaa MP3 tuquun caqasaa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG