Xurree ittiin seenan

Breaking News

Bulchiinsa Gaambiyaa Duraanii Jalatti Dararaan Dhaqqabe Attamiin Ilaalamuu Qaba?


Bulchiinsa Gaambiyaa Duraanii Jalatti Dararaan Dhaqqabe Attamiin Ilaalamuu Qaba?
Bulchiinsa Gaambiyaa Duraanii Jalatti Dararaan Dhaqqabe Attamiin Ilaalamuu Qaba?

Tijaan Baaroo hojii isaa maxxansaa kan kana duraatti deebi’ee jira. Iji isaa gara bitaa amma iyyuu akkuma dhiita’etti jira. Ni okkolas. Torbanneen lama dura ture loltoonni Yaayaa Jameeh bakka hojii isaa weeraranii sadafii qawweetiin erga tumanii booda mana hidhaa naga eegumsa biyyoolessaatti darban.

Yakki isaas T-shirt mormitootaa irratti barreessuun maxxansite ka jedhu ta’uu loltoonni ibsaniifii jiru. Kana duras na sodaachisanii waan turaniif waan na ajjeesan natti fakkaatee ture. Si ajjeesna naan jedhanii turan.

Har’a Gaambiyaan gochuun kan ishee irra jiraatu prezidaantichi duraanii Yaahyaa Jaamee waan deemaniif dubbii jiru boodatti dhiisanii fuula duratti tarkaanfachuu dha jedhe.

Prezidaantichi haaraan hirbuu ennaa seenan tarkaanfiin fudhadha jedhanii waadaa seenan keessaa tokko kanneen himannaan kanneen utuu irratti hin dhiyaatin ykn murtii malee kanneen hidhaman mara hidhaa dhaan gad dhiisa kan jedhu ture.

Namoonni dhibbaan laka’aman mana hidhaa mootummaa fi waajjiraalee naga eegumsaa keessaa utuu heddumminaan utuu ba’anii argamaniiru.

Jaameehn dararaa dabalatee namoonni humnaan butamanii achi buuteen akka dhabamu godhaniiru, ka biroo dhiittaa mirga namaa raawwataniiru jedhu gareeleen mirga namaaf falman.

Prezidaantichi duraanii Yaahyaa Jaammeeh Equatorial Giinii keessatti jireenya baqattummaa jalqabaniiru. Biyyi isaan keessa dahatan walii galtee Room biyya mallatteessite waan hin ta’iniif Jaameehn Gaambiyaas ta’e mana murtii yakka qoratu kan sadarkaa addunyaa irraa daran kan fagaatan fakkaatu jechuu dhaan hayyoonni seeraa ibsaniiru.

Gabaasa guutuu dhaggeeffadhaa

Bulchiinsa Gaambiyaa Duraanii Jalatti Dararaan Dhaqqabe Attamiin Ilaalamuu Qaba?
please wait

No media source currently available

0:00 0:04:37 0:00

XS
SM
MD
LG