Xurree ittiin seenan

Breaking News

"Dargaggeessi Tokko Oromiyaa Keessatti Uummata Duratti Ajjeeamuun Angawoota Dararaa Raawwatan Gaafachiisuu Qaba"


Dargaggeessi Tokko Oromiyaa Keessatti Uummata Duratti Ajjeeamuun Angawoota Dararaa Raawwatanii fii Humnootii Nagaa Eegsisan Gaafachiisuu Qaba: Human Rights Watch

Humnoonni mootummaa Itiyoopiyaa Naannoo Oormiyaa keessatti dargaggeessa umuriin waggaa 17 guyyaa saafaa rasaasaan haleelanii ajjeesuu isaanii ilaalchisee gareen mirga namaa Human rights watch har’a gabaasa baasee jira.

Amaanu’eliin uummata duratti ajjeesuun humnoonni naga eegumsaa biyyattii irra itti gaafatamummaan jiru kan itti hanqate jedhee jira.

Ebla 11, bara 2021 humnoonni mootummaa Dhiya Oromiyaa godina Qellem Wallaggaa magaalaa Dambi Dolloo keessatti amaanue’iin qabanii reebuu jalqaban jedha gabaasi kun.

Viidiyoon miidiyaa hawaasaa bulchiinsa magaalattii irratti maxxanfame akka mul’isutti dhiigaan kan faalame Amaanu’eliin shugguxii morma isaa irratti hidhamee agarsiise. Guyyaa dhuma sana uummata duratti ajjeefame. Torban itti aanu angawoonni maatii Amaanuel dabalatee jiraattota magaalaa Dambi Dolloo doorsisuuf seeraan ala to’annaa jala oolchan jedha ibsi Human Rights watch kun.
Gaanfa Afriikaatti daayiriktera Human Rights Watch Laetiitaa Baader akka jedhanitti, angawoonni Itiyoopiyaa dargaggeessa kana irratti ajjeechaa isaan raawwatan, lubbu namaatiif dhimmi akka isaan hin qabaatin mul’isa. Humnoonni naga eegumsaa fi angawoonni naannoo sanaa, gocha suukaneessaa kana viidiyoo dhaan waraabuu dhaan akkaataa isaan itti maxxansan, angawoonni kun daafoo isaa utuu hin sodaatiin, seeraan ol ta’anii tarkaanfii fudhachuu dandeenya jedhanii akka amanan kan mul’isuu dha jechuu dhaan Laetiitaan ibsaniiru.

Human Rights Watch jiraattota Dambi Dolloo 11 dubbisuu dhaan viidiyoowwan hedduu miidiyaa hawaasaa irratti maxxanfamee fi ibsa angawoonni mootummaa ajjeechaa Amaanu’el ilaalchisee Kannan xiinxalee jira.

Qajeelcha Poolisii Godina Qellam Wallaggaatti, Itti gaafatamaan Itti aanaa Nageenya Naannoo Mirkaneessuu Inspektar Ahmad Yaasin, ennaa sana VOAf ibsa kennaniin “miseensota “Abbaa Torbee” keessaa isa tokkorratti tarkaanfii fudhanneerra” jedhan.

Inspektar Ahmad namni ajjeefame, Amaanu’eel Wandimmuu jedhamu kun, gaazexessaa OBN Siisaay Fidaa, Dambi Doolloo keessatti rasaasaan ajjeesuun namoota shakkaman keessaa isa tokko jechuun dubbatan.

Itti gafatamaan Poolisii kun, akkas haa jedhaniyyuu malee, abbaan nama ajjeefamee obbo Wandimmuu Kabbada,” Mucaan koo kana hin godhu jedhanii haalaniiru.

Inspector Ahmad Yaasin, Amaanu’eel miliquuf ennaa yaalii godheeti kan ajjeefame jechuun dubbatanii jiru.

Dhimmuma kanarratti Komishiniin Mirga Namummaa Itoophiyaa, Ibsa gama miidiyaa hawaasummaa isaa har’a Waaree Booda baaseen, “Ajjeechaan Amaanu’eel Wandimmuurratti magaalaa Dambi Doolloo keessatti murtoo seeraa tokko malee raawwatame na yaaddeseera: jedheera.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG