Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dargaggoo Dambi Doolloo Keessatti Ajjeesame Ilaalchisee Dubbiiwwan Wal-faallessan Dhagama  


Magaala Dambi Doolloo(Suuraa faayilii)
Magaala Dambi Doolloo(Suuraa faayilii)

“Gaazzexeessaa Siisaay Fidaa ajjeesuun namoota shakkaman keessaa tokkorratti tarkaanfiin fudhatame” jechuun beeksise, Poolisiin Godina Qellam Wallaggaa.

Dargaggoo Dambi Doolloo Keessatti Ajjeesame Ilaalchisee Dubbiiwwan Wal-faallessan Dhagama
please wait

No media source currently available

0:00 0:08:39 0:00

Itti Aanaan Nageenya Naannoo Mirkaneessuu Godinichaa ibsa kennaniin “ Namni kun kaleessa nama hojii daandiirratti bobba’e tokko yeroo rasaasaan rukkutuun madeessutti, qaamonni naga-eegumsaa mootummaatii qabame” jedhan.

Gama biraatiin, Amaanu’eel Wandimmuu qabamee osoo dhimmi isaa seeraan ilaalamuu qabuu, humnoota naga-eegumsaa mootummaatiin ajjeefamuun isaa gochaa sirrii miti” jechuun himatan, Abbaan isaa.

Itti gaafatamaan Waajjira Nageenyaafi Bulchiinsaa Godina Qellam Wallaggaa gama isaaniitiin, “Amaanu’eel osoo haleellaa raawwatee baqachuuf yaaluu ti kan ajjeefame malee Addababayii irratti hin ajjeefamne,” jechuun haalan.

Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa, “Magaalaa Dambi Doolloo keessatti murtoo seeraa tokko malee ajjeefamuun Amaanu’eel Wandimmuu na yaaddeesse,” jechuun ibsa baasee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG