Xurree ittiin seenan

Breaking News

"HIdhaa fi Doorsisi Itti fufe" ka Mormitoonni jedhan irratti Falmii Gegeessame


Hoogganoonni Koongiresa Uummata Oromoo, Oromiyaa keessatti mormitoota fi hiraarsuun akka itti fufee jiru dubbatu. Aangawaan Biiroo Bulchinsaa fi Nageenya Oromiiyaa garuu, "himannaa hundee hin qabne" jechuun haalan.

Hoogganoonni paartii mormituu, ka Koongiresa Uummata Oromoo, miseensonni keenya, keessumaa namoonni nuti taajjabdummaa filannoof dhiheeffannee turre, garii mana hidhaa jiru, kaan eega hidhamanii booda akeekkachiisaan gad-lakkisamanii doorsisa humnoota mootummaa jala jiru, kaan ammoo qehee ofii irraa hariyatamanii rakkataa jiru, jedhu. Aangawaan Biiroo Bulchiisaa fi Nageenya Oromiyaa garuu, kun dubbii dharaa ti, jechuun haalan.

"Miseensonnii fi deggertoonni keenya hidhaman iddoo sadiitti qoodnee ilaalla" ka jedhan Koongiresa Uummata Oromoo irraa miseensi Caffee Oromiyaa, obbo Olbaanaa Leellisaa, tokkoffaa kanneen dhaabni isaanii taajjabdummaa filannoof bakka-buufatee'nnaan, humnoonni mootummaa immoo akka isaan buufata filannoo sanatti hin argamneef jecha dursanii hidhan, lammaffaa, kanneen guyyaa filannoo sana sababaa adda addaan eega hidhamanii booda, amma akeekkachiisaan mallatteessanii gad-lakkisamanii fi sadaffaa, kanneen guyyaa filannoo sanaa booda hidhaman akka tahan dubbatu.

Biiroo Bulchiisaa fi Nageenya Oromiyaatti, geggeessaa hojii, odeeffannoo fi quunnamtii uummataa ka tahan, obbo Masfin Asaffaa garuu "eega filannoon geggeessamee booda, namni sababaa filannoo wajjiin wal-qabateen Oromiyaa keessatti hidhame tokko illee hin jiru. Inumaa, kanneen yeroo filannoo sana yakka adda addaa raaw'atanii hidhamanii turan illee amma dhiifamni godhameefii gad-lakkisamanii jiru," jechuun falman. Itti-fufuudhaanis, "paartiileen mormitootaa waa'ee namoota isaanii hidhaman 'jedhan kanaa radiyoo irratti himachuu malee waajira keenyatti komee isaaniis tahe himannaa isaanii dhiheeffatanii hin beekan" jechuun qeeqan.

Obbo Olbaanaa Leellisaa immoo gama kaaniin, qeeqni Obbo Masfin kun akka ajaa'iba itti tahe eeruudhaan, "Hidhaa, doorsisaa fi hariyatamuu miseensotaa fi deggertoota keenyaa ilaalchisee, yeroo mara, gandaa kaasee haga sadarkaa biyyoolessaatti qaamota mootummaa dhimmi isaa ilaalutti himanna. Garuu, kan nu dhaggeeffatu hin jiru. Deebiin nuuf kennamu arrabsoo qafa." jedhan. Guutummaa wal-falmii aangawoota lameenii, ka raadiyoo keenyaan tamsaasne, mallattoo sagalee harka mirgaa irra jiru tuqaa tii dhaggeeffadhaa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG