US bara 2020 keessa pirezidaantii filatti.Pirezidaanti Tiraampi yoo aate marro lammeessoo filatan tahuu baannaan eebbisee warra itti aanutti kenna.
Paartii Demokiraati keessaa amma nama 12tti walti hafe.Eda godina Ohiotti TV irratti walii yaa’anii laafinnaa fi jabeennaan wal himan, hayyuma walti dhawatan.
Edallee karaa waan hedduu irratti wal falaman; karaa pirezidaanti Tiraampi seeraan himachuu danadhan,lola Turkiin Siiriyaa seentee waraana kurdootaa aate,karaa jireenna Amerikaa jabeessanii fi waan hedduu irratti wal falaman.
Itti aanaan pirezidaanti Amerikaa ka durii, Joe Biden warra 12n walti hafe keessa jira.
Ilma isaa ka bara Biden bulchaa biyya tahe faayidaa argachuuf Ukrain gargaare jedhanii himatan ”ilmii kiyya waan gumaa tokkoollee hin yakkine” jedhee mormeef.
Senator Cory Booker, ammoo “Raashiyaa finna addunyaa yakkitee deemtu tanatti callisuu hin dandeennu,” jedhee akka Amerikaan addunyaa qorqorachuu malt dubbate.
Senator Kamala Harris, ammoo Tiraampi gaafauma huji tana itti kennanii asi “Amerikaa, ummata isiitii fi waan Amerikaa qabdu gabayaa dhaabe gurguruutti jira,” jette.
Godinuma cufa irra marree ummta amasniifanne karaa pirezidaanti Tiraampi moo’annuun barbaadachuu malle tanaaf godina
“Pennsylvania,Michigan,Wisconsin, Ohio fi Iowa irra maruutti jira,” jette.
Pirezidaanti Tiraampi jara wal dorgomuutti jiruun jara qoosaaf dorgomu jedhe.