Dhaabbanni Afriikaan Ikoonoomik Soluushin bara 2008 Minisootatti hundeeffame baqatootaa biyyoota Afriikaa garagaraa irraA sababa garagaraan dhufaniif dhimma diinagdee irratti tajaajila adda ka kennaa jiru tahuu jiraachuu beeksise.
Hawaasni Afriikaa Minisoota jiraatan akka qabeenya horataniif leenjii kennuu, maallaqa liqeessuu fi deggersa teeknikaa kennaa akka jiru ka dubbatan prezidaantiin dhaabbatichaa Obbo Gannanee Galgaluu, bara darbe qofaa namoonni kuma tokko fi dhibba afur ta’an hojii daldalaa mataa isaanii akka eegalaniif deggersa gooneefii jirra, jedhan.
Hawaasni Afriikaa diinagdee fi aadaan akka walitti deemanifis wagga waaggaan ji’a Hagayyaa keessa qophii “ Liitil Afriikan Annuwal Fetivaal” jedhamu qopheessuun Artistoota biyyoota addaa addaa irratti hirmaachisuun ummanni aadaa isaa akka hin irraanfannee akka gochaa jiran dubbatu. Namoota jaarmayichaa gargaarsa argatanis dubbisuun, Alamaayyoo Qannaa gabaasaan Miniyaapoolis irraa nuuf erge kunoo.