Muummichi-ministaraa Roobii gara waareetti, kan duruu baratame gabaasaa baatii jahaa ennaa Paarlaamaa biyyattiif dhihaatan kana dubbatan. Gabaasaa isaanii sana keessatti kan isaan dura itti fuuleffatan waa’ee dinagdee biyyattii ture. Biyyi isaanii amma illee daandii guddinaa shaffisaa irra akka jirtu kan dubbatan Muummichi Ministaraa Melles, gara fuul-duraattis dinagdeen biyyattii walii-galatti dhibba irraa harka kudha-tokkoo oliin akka guddatuuf jiru hubachiisan. Garuu, gatiin ol ka’uun yokaan qaala’uun qormaata guddina - jedhan kana dura dhaabatu tahuu eeranii “Mootummaan miyaa’uu yokaan qaala’uu gatii kana to’achuuf tarkaanfii fudhateen, gatiin mi’aa tasagabbaa’uu , achi boodas, sadarkaa sadarkaadhaan gad-bu’uu jalqabee jira” jedhan.
Haala kanaan guddinni dinagdee biyyattii kan itti fufinsa qabuu, amansiisaa fi nagaa tahuu ka dubbatan - Muummichi-ministaraa Ertiraa Gam biraan kan nageenya biyyattii jeequ humna ala irraa dufu keessumaa ka Mootummaa Ertiraan bobbaasamuu fi biyya keessaa immoo humnoota farra-nagaa fi ergamtoota isaaniin ka dhiibamaa jiru jedhan.
Eega gabaasaan Obbo Melles dhihaatee booda ka gaaffii dhiheessan Bakka bu’aan paartii mormituu Paarlaamaa san keessa jiran Obbo Girmaa Sayifuu yakka Obbo Melles dubbatan sana waan fudhatan hin fakkaatu,
Akka ilaacha isaanii fi ilaalcha paartii isaaniitti tarkaanfiin ammma fudhamaa jiru kun yeroo waggaa tokko dura, seerichi farra-shororkeessummaa bahe “Mootummaan, waltajjii polotikaa dhiphisuuf dhimma itti ba’uufi” jechuun yaaddoo ibsanii turanii turan ka mirkaneesse tahuu dubbatan.
Obbo Melles garuu, yaada kana hin fudhanne. Kanneen “shororkeessota jedhamanii himataman irratti ragaaleen dhihaatan ragaalee sirrii fi hin shakkisiisne” jedhu.