Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dheebuu Kitaaboota Dubbisuu Kan Bara Ijollummaa Kootti Na Mudate, Har’as Nan Yaadadha.


Obbo Gammachuu Abarraaa Dhaabaa jedhamu, Kanaadaa Kaalgaarii keessa jiraatu, naannoo isaanii kan jiru Rotarii Kilab waliin wal ta’uun, kitaaboota baruumsa sadarkaa oolmaa daa’immanii kaasee hanga koleejootaaf gargaaran, kanneen kuma 40 ta’an naanoo itti dhalatan, Oromiyaa, Godina Wallaggaa Lixaa magaalaa Qaaqeef erganii gamas dhaqqabee jira.

Kitaaboota qofaa otoo hin taanee meeshalee barnootaa adda addaa, meeshaa Huccu ittiin hodhan, kubbaa, barcuma, Komputara Laap Toppii fi waan garaa garaatu konteenara ergame keessa jira. Kanneen biyya alaa keessa jirru haga danda’ametti warra biyya keessa jiran gargaaruun nu irra eegamaa kan jedhan Obbo Gammachuun, ammaan boodas naannoo adda addaa gargaaruuf akeeka kan qaban ta’u dubbatn.

Obbo Gammachuu Dhaabaa
Obbo Gammachuu Dhaabaa

Bulchaa magaalaa qaaqee kan ta’an Obbo Haayluu Dagafaa gargaarsa argamee kanaaf galata galchaanii, Gammachuun meeshaa dhalootaa dhalootatti darbuu hegeree biyyaa hidhachise jedhan. kanneen biroonis akkasuma uummata gutummaa Oromiyaa keessaa akka gargaaraniif gaafatan.

Iyyata Hawaasa naanoo Qaaqee dhaggeefachuun ilma isaanii Obbo Gammachuutti kan dhiyessan Obbo Abarraa Dhaabaa, rakkannee guddisnee, isaan immo dabaree isaanii biyyaa fi uummata ofii deebi’anii gargaaruu isaanti, gammadu isaanii ibsan.

Gabaasa guutuu MP3 tuquun dhaggefadhaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG