Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dhimma Baqattoota Oromoo Adda Bilisummaa Oromootti Hidhanii ilaaluu.


Waajiira UNHCR kan Jabuutii jirutti qoondaala kutaa odeefannoo uummataa ka tahan Sheehulemaany Keekuu Akaan akka jedhanitti baqataan kam iyyuu Jabuutii enna seenu waajiira michuu mootummaa Jabuutii ta’uun UNHCR waliin hojjatu kan “National Office for Assistance to Refugees and Victim of Disaster” jedhamutti iyyannaa dahannaa siyaasaa galfachuu qaba.

Iyyannaa kana ilaalee nam sana akka baqataatti fudhachuu fi dhiisuu kan murtessu mootummaa dha,Sana booda UNHCR-ti dabarfama jedhu.Sana dura garuu gara UNHCR deemuun sirri miti jedhan.



Bara 2003 fi 2004 lammiwwan Itiyoophiyaa Araausaa keessatti dahaannaa siyaasaa gaafatan keessaa, kanneen kuma tokko ta’an iyyannaan isaanii fudhatama dhabee, mootummaan Jabuutii gara biyya isaaniitti deebise kan jedhan aangawaan UNHCR damee Jabuutii kun,Sana booda UNHCR galmee jara kanaa cufeera jedhu.

Baqatonni UNHCR jalatti galma’anii mooraa baqataa keessa ituu jiranii dhimma isaanii hin xumuratiin waggoota dheeraa turuun, biyya isaan simatu argachuu irratti hundaa’a.Biyya sadaffaa keessa qubsifamuun waan al-tokkotti xumuramuu miti,Gama kaaniin Mirga baqataaf kennames miti jedhan.

Dubartoonni, mooraa baqatotaa Alii-Aaddee ka keessa jiraatan keessatti humnaan gudeeddiin akka irratti gaggeefamuu fi mucaa abba isaa hin beeknee ulfaa'uu fi da'uun akka isaan mudatu ka dubbatan ilaalchisee enna ibasn, rakkoon kun akka jiru gabaasaan nu ga’eera, garu rakkoo darbee darbee uumamu jedhu aangawaan UNHCR kun.

Gama biraan jaarmayaan walabnii kabajamuu mirga dhala namaaf falmuu " Djibouti league of human rights” jedhamuuuf prezidaantii kana ta’an Noel Abdi Jean Paul haala baqatoota Oromoo yaddeessaa kan godhe waan lamatu jira jedhu, tokkoffaa baqatonni Oromoo sodaa nageenyaaf jecha otoo hin taanee jireenya foyyefachuuf dhufu jedhame yaadama, lammaffaan immoo polisoonni Itiyoophiaa Jabuutii keessa waan sosso’aniif, yeroo tokko tokko Oromoota hidhanii gara Itiyoophiyaatti deeebisu jedhan.

Yeroo tokko tokko immo kanneen Ogaadeen irra dhufan illee ni qabu, warri Ogadeen kan Jabuutii keessatti ajjefamanis ni jiran, namni humnootii tika nageenyaa Itiyophiyaan qabamee gara Dirree Dawaatti eega geessamee booda amma iyyuu hidhaa keessa jiru jira jedhu, Mr. Paul.

Balaa biraan baqatoota Oromoo irra jiru jedhan,dhimma isaanii Adda Bilisummaa Oromootti hidhanii ilaaluun waan jiruuf carraa baqatummaan fudhatamuu hin argatan jedhan.Waluumaa galatti jedhan Paul, baqattoota hundumaa biyya sadaffaa keessa qubsisuuf yaaliin kan jiru ta’us, Mootummaan Jabuutii garuu jaarmayaa baqatootaa UNHCR gargaaruuf yaalii tokko hin godhu, callisuun mootummaa kunis akka jaarmayaa mirga dhala namaa eegsisuu tokkotti nu rifachiseera, jedhan.

Kan nama aja’ibuu jedhan Paul, aangawonni mootummaa Jibuutii miseensonni maatii isaanii ykn kan gosa isaanii baqataa fakkaatanii mooraa akka seenan gochuun, biyyoota Addunyaa Dhihaa keessa qubsiisanii jireenya gaarii akka jiraatan yeroon itti godhan jira. Kun immoo jaarmayoonni sadarkaa adunyaas ta’e UNHCR baqatoota ija shakkiin akka ilaalan akkasumas of eeggannaa guddaa akka godhan taasisee jedhan " Djibouti league of human rights” irraa Noel Abdi Jean Paul.

Gabaasa guutuu MP3 tuquun dhaggeefadhaa.






















Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG