Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hoogganoonni ABO Mana-hidhaa Jiran Irratti Cabsuu Mirga Namoomaa tu Raaw’atamaa Jira, Jedha Paartichi  


Asxaa ABO
Asxaa ABO

Misoonsonni hooggnsa Adda Bilisummaa Oromoo Obbo Daawud Ibsaan hoogganamuu cabsuu mirga namoomaa nu irratti raaw’atamaa jira, jechuun eega nyaata lagachuu jalqabanii guyyaa ja’affaa tahuu, paatichi beeksisee jira.

Dubbi-himaan paartichaa kan yeroofii Obbo Lammii Gammachuu VOAf ibsa kennaniin, “hoogganoonni kun dhukkubsatanii wal’ansa dhorkamanii jiru. Maatii isaanii, abukaatoo isaanii fi namoota paartichaa waliin eega wal-quunnamanii baatiilee toorbaa ol tahee jira,” jedhan.

Haala miseensonni hooggansa paartichaa itti jiran adda baafachuuf Biiroo Haqaa Oromiyaa, Koomishina Poolisii Oromiyaa, Koomishina Mirgoota Namoomaa Itiyoophiyaa fi Ministirii Haqaa Federaalaatti, waajira Abbaa-alangaa waliigalaa irraa ibsa argachuuf carraaqqiin VOAn godhe ammaaf hin milkoofne.

Hordofaa.

Hoogganoonni ABO Mana-hidhaa Jiran Irratti Cabsuu Mirga Namoomaa tu Raaw’atamaa Jira, Jedha Paartichi
please wait

No media source currently available

0:00 0:06:51 0:00

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG