Xurree ittiin seenan

Breaking News

Imala Nagaa Eegsisuuf Sudaan Keessa Kan Turan Dhalattonni Tigraay Biyya Ofitti Deebi’uu Diidan


FAAYILII - FILE - Miseeinsa imala nagaa eegsisuu kan Tokkummaa Mootummootaa Sudaan keessatti, Hagayya 25, 2012
FAAYILII - FILE - Miseeinsa imala nagaa eegsisuu kan Tokkummaa Mootummootaa Sudaan keessatti, Hagayya 25, 2012

Bulchiinsa naannoo Tigraay irraa imala nagaa eegsisuu kan Tokkummaa Mootummootaaf Sudaan keessatti boba’anii kan turan namoonni 500 caalaan biyya ofiitti deebi’uu diduu isaaniif sababaan kennan sodaa nageenyaa qabanii fi gosa ilaalchisee addaan qodamiinsa jiruun ta’u ennaa dahannaa siyaasaa Sudaan keessatti gaafatan ibsan.

Hanga waggaa dabreetti Miseensoota naga eegumsaa kan Tokkummaa Mootummootaaf kanneen naannoo Abiyee isa sudaanii fi sudaan Kibbaa giddutti bobba’an kuma afur ta’an keessaa harka caalaan humnootii Itiyoophiyaa turan.

Itiyoophiyaa fi Sudaan giddutti falmii qabeenya lafaa kan naannoo daangaa fi hidha laga Abbayyaa ilaalchisee hariiroon jiru gad adeemaa waan dhufeef jecha, humnootiin Itiyoophiyaa sudaan keessa turan kun humnootii biyyoota adda addaan iddoo buufaman.

Waraannii Itiyoophiyaa hedduun gara biyya isaanti kan deebi’an yoo ta’u, hangii tokko garu dahannaa siyaasaa gaafachuu isaanii dubbii himaan humnootii naga aeegumsaa kan tokkummaa mootummootaa ibsanii jiru.

Kanneen deebi’uu hin feenee kun addunyaan eegumsa akka gootuuf kan gaafatan waan ta’eef jecha, iddoo eeguumsa qabuutti Tokkummaan Mootummootaa kaa’uun ibsan dubbii himaan kun.

Dahannaa siyaasaa kennuuf itti gaafatamnii kan irra jiru aangawoota Sudaan ta’uu fi isaaniis dhaaba baqattootaa kan Tokkummaa Mootummootaa (UNHCR) biraa gargaarsa argataniin namoota kana simatanii jiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG