Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dhimma Dr. Mararaa Guddinaa fi Hogganoota KFO Har’a Mana Murtii Federaalaa ti Ilaalame


Obboo Wandimmuu Ibsaa, Abukaatoo
Obboo Wandimmuu Ibsaa, Abukaatoo

Manni murtii olaanaan kan Federaalaa inni Lidataa jiru har’a waaree dura waa’ee Dr. Mararaa Guddinaa irratti waaree booda immoo waa’ee hogganoota Kongreesa Federaalawaa Oromoo irratti bellama biraa kennee jira.

Dr. Mararaa irratti himannaan dhiyaate kan shoroorkeessumaa akka hin ta’iin ibsamaa turuus dhimmi isaanii garu dhaddacha waa’ee shoroorkaa ilaalamaa jira.Dhimma Dr. Mararaa Jimaata borii jechuun Muddee 29 ilaaluuf bellamnii kennamee jira.

Gama kaaniin dhimmi Obbo Baqqalaa Garbaafaa irratti ragaa ittisaa ta’uun kan silaa har’a dhiyaachuun irra ture aangawoonni oromiyaa hin dhiyaatiin hafanii jiran.

Xalalaa ergataniin dhufnee ragaa ba’u ni barbaanna.Garu amma hojii arfachisaan waan nu qabatee jiruuf jecha gara fuula duraatti dhiyaannee akka ragaa ba’u dandeenyuutti haala nu mijeessaati akkasumas bellama nu jijjiraa jedhan.

Manni murtiis akkaataa itti aangawoonni fi Obbo Anduualeem Araagee itti dhiyaachuu danda’an irratti torban tokko booda dubbachuuf Muddee 27 bara 2010 bellama kan kenne yoo ta’u ragoonni kun baatii Guraandhala gaafa 5-9 bara 2010 ti guyyaa shaniif kan dhaga’amuuf jiru ta’uun ibsamee ira.

Namoota galmee obbo Gurmeessaa Ayyaanoo irratti himataman keessaa lama immoo ragaa ittisaa hin dhiyeessinu kanaaf murtii dhumaa nu kennaa waan jedhaniif jecha Amajjii 10 bara 2010 bellamamanii kennamee jira.

Gabaasa guutuu caqasaa

Dhimma Dr. Mararaa Guddinaa fi Hogganoota KFO Har’a Mana Murtii Federaalaa ti Ilaalame
please wait

No media source currently available

0:00 0:08:29 0:00

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG