Xurree ittiin seenan

Breaking News

Manni Murtii Dhimmi Jawaarfaa Bakka’saan Hin Jirretti Akka’laalamu Murteesse


Faayilii - Jawaar Mohammad mana murtiitii yeroo bahu, Adoolessa 16, 2020
Faayilii - Jawaar Mohammad mana murtiitii yeroo bahu, Adoolessa 16, 2020

Manni Murtii Federaalaa dhaddachi Lidetaa, galmee Jawaar Mohaammed jelatti warra himataman namoota 24 keessaa waayee namoota 4 taayee murtee dabarseera. Namootni afur, Jawaar Mohammed, Beqqelee Garbaa, Hamzaa Adaane fi Dejenee Xaafaa kanaan dura dhaddhacha guyyoota lamarraa jechuun beellama gaafa waxabajjii 21 fi 29 bara 2013 rraa sababa mootummaan murtee manni murtii biyyattii kennaa jiru kabajaa hin jiru jedhuun hafanii akka turan niyaadatama.

Kaleessas beellama manni murtii federaalaa lidetaa waayeesaanii taayerratti ka hin argamne yoo tahan dhaddachi himata isaanii ilaale kun garuu si iachi isaan argamuu baatanus galmecha ilaaluun akka itti fufu murteesseera jedhan Obbo Kadiir Bulloo Abukaatoon himatamtoota.

Obbo Kadir galmee himataa kana jelatti namootni 24 akka himatamanii jiran eeranii, isaan keessaa kan bakka isaan hin jirretti himatni isaanii dhaggeeffatamuun itti fufu namoota afran malee ka warra kaaniirratti murteen addaa dabre hin jiruu jechaanis dubbataniiru.

Manni Murtii Dhimmi Jawaarfaa Bakka’saan Hin Jirretti Akka’laalamu Murteesse
please wait

No media source currently available

0:00 0:03:31 0:00


Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG