Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dhohiinsa Bombii Dhaqqabe Biyyonnii fi Mootummonni Balaaleeffataa Jiru


Sambata darbee hiriira deggersaa magaalaa Finfinnee keessatti gaggeeffame irratti balaa Bombii dhaqqabe Tokkummaan mootummotaa fi gamtaan Afrikaa balaaleeffatanii jiru.

Barreessaa dureen tokkummaa mootummotaa Antoniyoo Gutareez gochii hiriirtoota irratti rawwatamee qaaneessaa fi yaaddeessaa ta’u hubachiisan.

Maatii namoota midhamaniif jajjabiina akkasumas hatattamaan akka bayyanataniif hawwii qaban ibsan Gutareez.Tokkummaan mootummotaa uummataa fi mootummaa Itiyoophiyaa waliin akka dhaabatu karaa dubbii himaa isaanii ibsuu isaanii beekamee jira.

Dura ta’an Komishnarri gamtaa Afrikaa Musaa Fakhim haleellaa bombii kana balaaleeffatan.Tokkummaan Araboota Emeeretootaa hiriirtoota irratti bombiin darbatamee namnii lama ajjefamuu fi 164 madaa’uu gocha hamaa jechuun jabeessee balaaleeffatan.

Gochii balaa kanaa sodaa irraa kan dhalatee fi gocha shoroorkaa ija qabtee ittiin jedhe.Prezidaantoonni keniyaa, Jabuutii fi somaaliyaa gocha kana balaaleeffachuun uummataa fi mootummaa Itiyoohpiyaa cina ka dhaabatan ta’u ibsan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG