Xurree ittiin seenan

Breaking News

Diploomaatonni Amerikaa Lama Imaltuu Irra Jiran 


FAAYILII - Jilli addaa kan Amerikaa, Deevid Satterfiild
FAAYILII - Jilli addaa kan Amerikaa, Deevid Satterfiild

Diploomaatonni Yunaaytis Istees lama yeroo ammaa biyyoota gaanfa Afrikaa keessa kan jiran yoo ta’u kunis Sudaan keessatti mootummaa ce’umsaa sivilootaa bifa haaraan hundeessuuf yaalii Tokkummaan Mootummootaa gochaa iruuf deggersa addunyaa barbaacha akka ta’e ibsamee jira.

Jilli addaa kan Amerikaa Deevid Satterfiild fi itti aantuun ministeera haajaa alaa kan dhimmoota Afrikaa kan ta’an Molii Fee gara Riyaadti imaluun hiriyyoota sudaan kanneen ta’an fi mootummaa ce’umsaa sudaan deebisanii dhaabuu kanneen fedhan waliin wal argan.

Kana malees qabsaa’oota Demokraasii leellisan akkasumas gareelee dubartootaa fi hogganoota waraanaa kan sudaan waliin wal argan.

Rakkoo Sudaan keesssaa furuuf Amerikaan qooda akkaan barbaachisaa akka qabdu dhaabata Afrikaan seentar foor strateejiik stadiiyis jedhamuu keeessaa adaayreekteera qorannaa kan ta’an Joseef Siigl ibsanii jiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG