Xurree ittiin seenan

Breaking News

Traamp Falmii Haaraa Keessa Seenan


Traamp Falmii Haaraa Keessa Seenan
Traamp Falmii Haaraa Keessa Seenan

Prezidaantii Amerikaa 45ffaa ta’uuf kan filataman Donaald Traamp kakatanii aangoo qabachuuf guyyaan 4 lafa hafeetti hawaasa tika nagaa biyyaa waliin falmii haaraa keessa seenanii jiru.

Daayreekteerri tika nageenya biyyooleessaa ykn CIA Jaan Brennan Dilabata kaleessaa gaaffii fi deebii gaggeessaniin Traamp sodaa Raashiyaan addunyaa irratti uumte ballifatanii hubachuu hin dandeenye jedhan.Kana malees waan hin taane dubbachuu fi barreessu irratti fulleefatan kun immoo fedhii yunaaytid Isteetes miti jedhan.

Brennan kana dubbatanii sa’atii xiqqoo keessatti Traamp gama Twitteriin deebii kennaniin kan yeroo dhiyoo keessatti bakka buufamuuf jiru namnii kun oduu sobaa gidduu kanaa isatu baase laataa? Jechuun gaafatan.Angawoonni tika nageenyaa garu nuti icciticha hin baafne jechuun falmaa turan.

XS
SM
MD
LG