Xurree ittiin seenan

Breaking News

Balaa Kokolaataa Somaaliyaa Keessatti Dhaqqabe


Balaa Kokolaataa Somaaliyaa Keessatti Dhaqqabe
Balaa Kokolaataa Somaaliyaa Keessatti Dhaqqabe

Kokolaataan waraana gamtaa Afrikaa (AMISOM) somaaliyaa keessatti mini baasiin tokkotti rukutameei yoo xiqqaate namnii 9 ajjefamuu fi kanneen 15 ta’an madaa’uu aangawoonni fi namoonni ijaana argan dubbatanii jiru.

Kunis Dilbata kaleessaa galgala handaara magaalaa Moqdishootti ta’uu ibsamee jira.Konkolaataan waraana gamtaa Afrikaa lubbuu nama hedduu galaafachuun kun ka duraati jedhamee jira. Iddoon isaas Moqdishoo irraa gara kibba dhiyaatti fageenya kiloo meetra 19 ta’u irratti ta’u ibsamee jira.

Konkolaataan AMISOM moqdishoo irraa ka’uun ituu gara Afgooyyeetti qajeelaa ituu jiru balaa kana geesise.Nama 5 ajjesee kanneen yoo xiqqaatan 8 ta’an madeesse jedha AMISOM.

Angawoonni AMISOM bulchiinsa nannoof akka ibsanti shoofeerri kokolaataa waraanaa minii Baasii sivilootaatti ituu hin rukutamiin dura to’annaa isaan ala ta’u hubachisan.

XS
SM
MD
LG