Xurree ittiin seenan

Breaking News

Duukemitti hojjattooti Warshaa ‘Industrial Zone’ hardha Wallggaa Bahaa aanaa Anger Guuteetti ammoo kalee ummatii gaddaa fi hiriiraaf bahe


Gadda hojjattoota Warshaa "Eastern Industirla Zone' ka Duukem jiruu fi hiriira mormii Anger Guutee
Gadda hojjattoota Warshaa "Eastern Industirla Zone' ka Duukem jiruu fi hiriira mormii Anger Guutee

Gadda hojjattoota warshaa "Industrial Zone" Duukemii fi hiriira mormii Wallaggaa Bahaa aanaa Anger Guutee
please wait

No media source currently available

0:00 0:08:28 0:00

Hiriira magaalaa Duukem keessatti hardha bahan hojjattoota warshaa Chaayinaa "Eastern Industrial Zone” faatti kopheesse. Wayaa gugurraatti naqatanii magaala Duukem keessa yaa’anii rakkoo himatan.

“Haaluma Oromiyaa keessa jiruuf hiriira baane.Dhumaatii Calanqoo hin balaaleffanna.Nama 5,000 caalutti hiriira bahe.Ummata keenna irraa ajjeechaan akka dhaabbatuuf baane,” jedha warrii achii dubbifne.

Jarii kun wayaa gugurraalee naqatee hiriiraa fi gaddaaf walti yaa’e. “Gadda qofaa mitii horiillee ummata Somalaee irraa buqqaheef walti qamne,” jedha.

Itti gaafatamaan bulchiinsa magaalaa Duukem obobo Jabaa Addunyaa ammoo nama 3,000 tahutti nagumaan hiriira bahee rakkoo himatee galee jedha.

“Mi’a namaatti hin bu’inaa waan namaa hin tuqinaa jenneenii nagumaan bahanii galan.

Gama kaaniin ammoo Wallgaa Bahaaaanaa aanaa Giddaa Ayyaanaa magaalaa Anger Guutee keessalleetti ummatii hiriira bahee rakkoo himate. Hiriira qeerroo magaalaatti qopheesse jedhan kana abbootii Gadaatti eebbisee nagaan fixee Foolleetti nagaa isaa eegeef.

“Ajjeechaan akka Calqanqoo akka dhaabbatu ,duutii akka dhaabbatu, dhagaa darbattanii waraana nama fixuuf karaa hin baninaa, jedhani nagumaan bahanii galan,” jedha warrii nu dubbifne.

Itti aanaa itti gaafatmaaa bulchaa magaalaa Anger Guutee obboo Lammeessaa Axnaafuu ammoo ummatii karuma qajeelaan hiriira bahee nagumaan gale jedha."Sabni buqqauun,sabni du’uun sirri miti,” jedha.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG